Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa dabalatee Afrikaatti namoonni kuma 44 ol bakka buteensaanii dhabame
Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaa kaan keessatti namoonni kuma 44 ol ta'an bakka buteensaanii dhabamuun ibsame.
Wayita ammaa kanatti Afriikaa guutuutti namoonni kuma 44 ta'an bakka buteensaanii dhabamuuun akka mirkanaa'ee Koreen Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa (ICRC) beekissise.
Dhaabbatichi kana kan beeksiise ibsa guyyaa bakka buuteen dhabamuu addunyaa sababeeffachuun baaseen ture.
Namoota bakka buteensaanii dhabame kanneen keessaa parsanataa 45 kan ta'an ammoo daa'iman jedhameera.
Namoota bakka buuteensaanii dhabameera jedhaman kanneen keessaayis parsantaa 82 kan ta'an ammoo biyyoota torba kan walitti bu'insii keessatti gaggeefamu keessatti ta'uu dhaabbatichi beeksiiseera.
Namoota biyyoota Afriikaa keessatti bakka buteensaanii dhabame kanneen keessaa kan walakkaa ol ta'an ammoo Naayijeeriyaatti jedhame.
Naayijeeriyaatti namoonni kuma 24 ol ta'an bakka buteensaanii dhabamun akka galtamaa'e hima dhaabbatichi.
Biyyoonni Afriikaa lammiileen bakka buteensaanii dhabame hedduun keessatti galmaa'e kan biraa ammoo Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa, Liibiyaa, DR Koongoo fi Kaameeruun keessatti argamu.
Akka dhaabbatichaatti, walitti bu'insawwan baroota darbaniifi haleellaawwan gosa biraatiin walqabatee lakkoofsi namoota bakka buuteensaanii dhabamuu dabalaa dhufuu ibseera.
Uggorawwan sababii weerara Covid-19n kaa'amee tureetiin, yaaliin miidhamtoota bakka buuteensaanii dhabamee argachuun maatii isaanii waliin walitti makuuf taasifamaa ture gufachiisaa jira.
Haata'u malee, ammalleen namoonni bakka buuteensaanii dhabame kan dagataman miti jedheera ICRCn.