Daandiin xiyyaaraa Ameerikaa hojjettoota hin talaalamne ji'aan doolaara 200 adabuuf

Madda suuraa, Getty Images
Daandiiwwan xiyyaaraa Ameerikaa keessa jiran keessaa sadaffaarra kan jiru Daandiin Xiyyaaraa Deeltaa, hojjettootasaa talaallii Covid-19 hin fudhanne ji'aan doolaara 200 adabuuf akka jedhu beeksise.
Hojjettoota talaallii marsaa lamaanuu fudhatanii vaayirasichaan qabaman qofaaf kaffaltii wal'aansa fayyaa akka kaffalu ibseera daandii xiyyaaraa kun.
Wayita facaatiin vaayirasichaa kutaalee Ameerikaa hundatti dabalaa jiru kanatti, tarkaanfii akkanaa fudhachuun vaayirasichi daran akka hin tatamsaaneef ga'ee gumaacha jedha hoogganaan daandii xiyyaarichaa Iid Baastiyaan.
Tarkaanfiin kun kubbaaniyyaawwan gurguddoon hojjettoonni isaanii akka talaallii fudhatan kanneen dirqamsiisan keessaa isa duraati jedhame.
Baastiyaan yaadachiisa hojjettootasaaniif ergan keessatti, kaffaltiin dabalataa deeltaa kun Muddee dhufurraa eegalee hojjettoota inshuuraansii fayyaa keessaatti galmaa'an irratti hojiirra ooluu jalqaba jedhan.
Murteen kun hojjettoota dhaabbatichaa kuma 75 keessaa gara caalu ilaallata.
Xiyyaarri deeltaa hojjettootasaa Covid-19'n qabamanii hospitaala seenaniif giddugaleessaan hanga doolaara kuma 50 kaffala.
"Sababa hojjettoonni talaallii fudhachuu dhiisaniif rakkoo maallaqaa kubbaaniyyaa keenyarra ga'aa jiru qolachuuf adabbii kaffaltii kaa'uun barbaachisaadha,'' jedha.
"Erga weerarri akaakuu vaayirasichaa B.1.617.2 jedhamuu eegalee hojjettoonni deeltaa dhibamanii hospitaala seenan kanneen talaallii hin fudhanneedha.''
Fulbaana 30 irraa eegalee hojjettoonni xiyyaara deeltaa kanneen talaallii hin fudhatin jiran torbanitti yeroo tokko qorannoo Covid taasisu, akkasumas maaskii godhatan malee bakka hojii hin deeman.
Hojjettoonni daandiiwwan qilleensaa Ameerikaa hundi xiyyaara keessatti maaskii uffachuuf dirqama qabu, biiroo keessatti garuu hojiirra hin oolchan.
Wayita weerara koronaavaayirasiitti fedhiin namoonni daandii qilleensaa Ameerikaan imaluuf qaban akkaan qabbanaa'ee ture.
Isa kana fooyyessuuf jechadha xiyyaarri deeltaa tarkaanfii kana kan fudhate.
Galiin daandii xiyyaaraa kanaa kan bara 2019 osoo weerarri koronaavaayirasii ture irraa harka 50n gadi bu'eera.















