Immoojiiwwan seenaa dhugaa namootaa akka qaban beektuu?

Maxxanfame

Immoojiin isin guyyuu fayydamtan duubni isaanii seenaa namootaa dhugaa ta'an qabaatu jettanii yaaddanii beektu?

‘’Muziqaan abbaa kootii ergaa addunyaa dunquuqquu keessaa dammaqsu qaba,’’ jedha weellisaan reegee Andrew Tosh Jamaayikaa irraa.

Abbaansaa Peter Tosh, baandii The Wailers jedhamu Bob Marley fi Bunny Wailer waliin tahuun kanneen hundeessan keessatti argamu.

Peter lubbuun jiraachuu baatus galfata siyaasaafi muuziqaa dhiiseeti darbe.

Amma kiiboordii keessan irratti ‘levitating’ (ol ka’uu, dammaquu) jettanii yoo barreessitan suuraa nama suufii uffate tokkoo isinii baasa, innis Peter Tosh dha.

Intalli Peter Niambe Mclntosh dhaala abbaashee bulchiti. Abbaanshee galfata haqaafi mirga namoomaa dhiisee akka darbe dubbatti, hojii isaa itti fufsiisuu koottis nan boona jetti.

‘’Namoonni akka shubbisan qofa otoo hin taane siyaasa itti amananiif akka sirban barbaada ture,’’ jetti.

Immoojii jecha sanaaf fayyadamnu seenaa Bob Marley fa’i akka tahe beeka garuu suurichi abbaa koo akka tahe hin beekun ture jetti.

Obboleessishees akkasuma suuraa abbaasaa akka tahe hin beeku ture. Weellisaan reegee kun akkamiin suuraa immoojii tahe?

Yeroo Maayikiroosooft sirna barreeffamaa kompitaraaf tahan qopheessaa turetti Vincent Connaire ogeessa barreeffamaa ture.

Connaire nama muuziqaa jaalatu yoo tahu manni maxxansaa muuziqaa inni jaalatu The 2 Tone Records jedhamu mallattoo baandii Bob Marley fa'a durii irraa fudhatee fayyadama.

Bob Marley fi Peter Tosh walirraa galagalanii, walitti hirkatanii suuraa mallattoo sanarra mul’atu Connaire kanumarraati yaada fudhachuun 1990 keessa mallattoo akka immoojii Webding jedhamutti kan galche.

Waggoota dheeraan booda mallattoon jalqaba fuula tokkorraa gara biraatti utaaluuf hojjetame immoojii tahuun bilbila nama hundarra gale.

Connaire ammallee mallattoowwan bilbila keenyarratti fayyadamnu qopheessuu itti fufeera.

‘’Waanuma naannoo keenyatti argine kaasna,’’ jedha akkatti hojiinsaa seenaa dhiisee darbaa jirutti dinqamaa.

‘’Fakkeenyaaf, teeppiin immoojii tahe teeppii kooti, tulluun achirra jirus asuma Siyaatil tulluu jiru dha fayyadamne,’’ jechuun hima.

Yaadannoo immoojii

Imoojiiwwan erga kalaqamniin booda wiirtuu Teeknolojii Ameerikaa, Silikan Vaalii, Unicode jedhamuuni ifatti bilbilatti kan dabalaman.

Yiying Lu fi hiriyyaanshee immoojii kanaa waliin seenaa addaa qabu.

Yiying waa’ee mallattoowwanii barachuu jaalatti, hubannoo namoonni waa’ee aadaa garaagaraa irratti qabanis akka bal’ifatan barbaaddi, kanaanis waa’ee hawaasa Chaayinaa San Francisco yeroo baayyee dubbatti.

Shaangaayitti dhalattus amma Ameerikaa jiraatti, yaada isheen dhiyeessiteen nyaata Chaayinaa dampliing, muka qal’oo nyaata qabaachuuf gargaaruufi kanneen biroollee immoojiitti akka dabalaman taasifteetti, kunis aadaashee akka ibsutti yaaddi.

Seenaan immoojiin isheen nuu qoodde garuu kan nyaata aadaa ishee waliin wal-qabatu miti.

Immoojiin ishee hojjette Piikookiiti

Kora immoojii tokko irratti Yiying ogeettii beeksisa daldalaa hoteela Burma Love jedhamu keessaa hojjettu Irene Cho waliin wal-barti.

Hoteelli Burma Love jedhamu kun suuraa piikookiidhaan kan miidhagee ture, Yiying maaliif kanaan faayame jechuun gaafatti.

Kanumaan Yiying piikookiin aadaa warra Barmaa keessatti mallattoo guddaa akka tahe barte, lama tahuun immoojiitti akka dabalamuuf kora yeroosiif dhiyeessuu yaadan.

Yeroon dhimma kana itti gaafatan xumuramaa gatii tureef, halkan guutuu waliin dabarsuun Yiying fakkii wixinee piikookii sanaa yoo hojjettu, Irene immoo yaada isaanii barreefamaan qindeessite.

Baatii muraasaan booda Unicode immoojii piikookii fudhachuuf filatte beeksise. Yiying oduu gaarii kana akkuma barteen Irene’tti himuuf bilbiltus ishee argachuu hin dandeenye

Haala gaddisiisaa taheen Irene gara biyya mallattoo piikookii fayyadamtu Barmaa otoo deemuuf qophooftuu dhiigni mataa keessatti dhangala’ee lubbunshee darbe

Yeroo immoojiin ishee dhiyeessite baatii duutishee dhagahametti filatame, hiriyyoonnishee kana gochuu ishee hin beekan. Yiying ishee waliin kana hojjechuu kootti nan gammada jetti.