Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haacaaluu Hundeessaa: Yunvarsiitiin Wallaggaa maqaa Haacaaluu Hundeessaatin mana Barumsaa Muuziqaa Hundeesse.
Yunvarsiitiin Wallaggaa maqaa Wellisaa Haacaaluu Hundeessaatiin mana Barumsaa Muuziqaa banuun eebbisiise.
Manni barumsaa Muuziqaa kun gosawwan barumsaa akka Aartii, Muuziqaa, fiilmii fi Gaaazexeessummaa fi Kominikeeshinii kan itti kennamudha.
Pirezedaantiin Yunvarsiitichaa Dr. Hasan Yusuuf Yunvarsiitiin wallaggaa Maqaa fi hojiin wellisaa kanaa dhalootaa dhalootatti akka darbuuf mana barumsaa kana maqaa isaatiin hundeessuuf murteessine jedhan.
"Yunvarsiitiin keenya yeroo wellisaa jaalatamaan kun wareegame waan yaadannoo tokko kaa'ufii qabna jennee maqaa isaatiin manni barumsa muuziqaa akka banamu seeneetiin keenya murteesse. Karaa akkaadaamiitiin kan hojjetu waan ta'eef dhalootatti waan darbudha," jedhan.
Manni barumsichaa Yunvarsiitichi maqaa Haacaaluutiin bane kun akka biyyaatti mana muuziqaa Afaan Oromoo kan jalqabaa taha jedhan Dr. Hasan.
"Manni barumsaa kuni akkuma biyyaattuu mana muuziqaa afaan Oromootiin itti baratamu kan jalqabaa taha. Hanaan dabalatattis afaanota birootiinis muuziqaan ni baratama," jedhan.
Waggaa tokko darbe kanas meeshaaleen muuziqaa mana barumsichaatiif barbaachisan guutamaa turuun waan xumurameef eebbifameera jedhan.
Sagantaa eebba mana barumsichaa kana irrattis seenaa fi hojiileen Haacaaluu akaksumas Muuziqaan Afaan Oromoo eessaa garamitti kan jedhu qorannoon akka dhihaates himan.
Mana barumsaa muuziqaa kana akkuma mana muuziqaa Yaareeditti beekamaa akka ta'uuf ijaarsi gamoos ta'ee wantoonni barbaachisoo tahan hedduun gara fuula duraatti guutamaa akka deemus himan.
Sagantaa eebbaa kanarrattis wellistoonni, hayyoonnii fi namoonni bebbeekamoon hirmaachuus himan Dr. Hasan