Taaddasaa Qana'aa (PhD) hooggansa Yunivarsiitii Amboorraa kaafamuun maaliif dubbii ijoo ta'e?

Maxxanfame

Yunivarsiitii Ambootti waggoota shan darbaniif Pireezidantii Yunivarsiitichaa ta'uun tajaajilaa kan turan Taaddasaa Qana'aa (PhD) torbee darbe keessa aangoorraa kaafamuun isaanii dhagahameera.

BBC'n odeeffannoo kana kallattiin Dr. Taaddasaarraa qulqulleeffachuuf yaalee milkaahuu baatus, hawaasa Yunivarsiitichaarraa odeeffannoo argateen, hooggansarraa kaafamuu isaanii mirkaneeffanneerra.

Hooggansa Yunivarsiitichaa sadarkaa adda addaarra jiran walitti qabuun aangoorraa ka'uu isaaniifi muudama haaraa kennameef sababa hin fudhanneef ibsanii barsiisaa idilee ta'anii akka itti fufan dubbataniiru.

Yunivarsiitiin Amboo fuula Facebook isaa gubbaatti ergaa Dr. Taaddasaan dabarsan kan maxxanse yoo tahu: ''Waggoota shaniif wantoota wajjin milkeessineef hedduun boona,'' jechuun hawaasa yunivarsiitichaa galateeffataniiru.

Bakka isaaniis Dr. Baayyisaa Lataa pireezidantii Yunivarsiitichaa ta'uu odeeffanneerra.

Dr Taaddasan hojii hooggansa Yunivarsiitiin cinaatti, hojiilee hawaasummaafi hirmaannaa misoomaa magaalaa Amboo qabaniin beekamu.

Hooggansarraa kaafamuun isaanii dhagahamuu hordofee miidiyaalee hawaasaarratti namoonni murtee mootummaa kanarraa mufii qaban ibsaa, deeggarsa Dr. Taaddasaaf qaban yoo barreessan mul'ateera.

Hooggansarraa kaafamuun Dr. Taaddasa maaliif dubbii ijoo ta'e?

Taaddasaa Qana'aa (PhD) ALI bara 1995 irraa eegalee waggoota 16'n darbaniif Yunivarsiitii Amboo keessatti barsiisummaarraa eegalee sadarkaalee hooggansaa garaagaraatti ramadamanii hojjechaa turan.

Waggoota shanii oliif Pireezidantii Yunivarsiitii Amboo ta'anii wayita tajaajilan irra caalaatti beekamtii kan horatan, jijjiiramni akka biyyaatti erga dhufee booda hojii hooggansa Yunivarsiitiin cinaatti hirmaannaa dhimmoota siyaasaan walqabatan, hojii hawaasummaa fi guddina magaalaa Ambootiif godhaniini.

Yunivarsiitiin Amboo isaan hooggansa kana qabachuun dura uummata naannoofi guddina magaalichaaf gahee irraa eegamu hin baane jedhamuun komatamaa ture jijjiiraniiru.

Kanaanis Yunivarsitichi guddinaafi misooma magaalaa Amboo adda durummaan sochoosuu keessatti gahee guddaa akka taphatu gumaacha godhaniin maqaan isaanii hawaasa magaalichaan irra deddeebiin ka'a.

Hooggansa akka qabataniin jijjiirama fidan keesaa inni tokko mindaa hojjettoota guyyaa Yunivarsiitichaa dachaan dabaluun qacarriin isaanii dhaabbii akka ta'u gochuudha.

Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti mormii ka'aa tureefi rakkoolee nageenyaa dhalatan furuu keessatti murteen itti gaafatamummaa fudhachuun murteessaniifi barattootni qaamolee nageenyaa mootummaan akka hin miidhamne yaalii godhaniinis, namootni akka galateeffaman hawaasa Yunivarsitichaa keessaa maqaan isaanii akka hin ibsamne namni gaafatan tokko nutti himaniiru.

Bara 2019 keessa Dhaabbilee Barnootaa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti barattoota gidduutti rakkoon dhalatee lubbuun barattootaa wayita darbaa turetti barattoota tasgabbeessuuf waliin jireenyi ilmaan sabaafi sablammiilee akka hin laafne fi nageenyi akka mirkanaahu gahee bahaniinis ni jajamu.

Siidaa fi kaampaasii Haacaaluu Hundeessaa

Bara 2020 keessa ammoo Kaampasii teeknooloojii Awwaaroo maqaa Artist Hacaaluu Hundeessaan moggaasuu, darbees siidaa Artiist Hacaaluu kaampaasii san fuula duratti ijaaruun ammoo hojiilee hunda caalaa beekamtii isaanii kan dabale, namoota siyaasaa biratti ija addaan akka ilaalaman godheera.

''Murteen damee Yunivarsiiticha maqaa Hacaaluun moggaasuu murtee seeneetii Yunivarsiitii akka ta'e, akkasumas murtee hawaasa naannichaa ilma isaaf kabaja qabu kan gammachiisedha jedhu'' sadarkaa hooggansaattii namni Dr. Taaddasa wajjiin hojjatan BBC'tti yoo himan.

Murteen kun namoota siyaasaa hedduu dudubbachiisee mormii guddaas kaasisee akka ture ni yaadatama.

Itti aansee balbala Kaampasii sana fuulduratti siidaan Haacaaluu Hundeessaa dhaabbate gaaffii hedduu kaasisee bu'aa bayii hedduu booda akka eebbifamu godhameera.

Barruu Addis Zaman ALI Guraandhala 9, 2013'tti bahe irratti siidaa yaadannoo Haacaaluu ilaalchisuun gaaffii dhiyaateef Dr. Taaddasaan deebii yoo kennan: ''Hacaaluun hojii isaatiin siidaa ofiif dhaabe'' jedhan.

''Siidaan Haacaaluu onnee uummata keenyaa keeessa jiraatus, osoo hojii gaarii hin hojjenne siidaan mula'tu hin ijaaramu ture,'' jedhan.

Murteewwan kunniin namoota siyaasa biyyaa hoogganan Dr. Taaddasaarratti dhiibbaa hin malle akka godhan, darbees doorsisaaf isaan saaxileera.

Wiirtuu aadaa Looreet Tsaggaayee...

Taaddasaa Qana'aa bara pireezidantii ta'anii hojjetanitti giddugalli Qo'annoo fi Qorannoo Aadaa Looreet Tsaggaayee G/Madihin Yunivarsiitii Ambootti hundeeffameera.

Onkololessa bara 2019 gidduugallii kun yoo eebbifamu Dr Taaddasaan BBC'tti yoo dubbatan "Kaayyoon jalqabaa dhaloonni haaraan hangafoota isaanii beekanii akka kabajaniifi.

Inni biraan namoota akkanaa kabaja kennineefii dhaloota akka Looreet Tsaggaayee hedduu horachuufi," jedhanii ture.

Yunivarsiitiin Amboo hoggansa Dr. Taaddasaa jalatti Kaampasii isaa Amboorraa fageenya km12 irratti argamu magaalaa Gudaritti argamu qabsaa'aa saba Oromoo gameessaafii dhalataa naannoo sanii kan turan Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammiriin akka moggaafamus gochuu danda'eera.

Kaka'umsa Dr. Taaddasaafi hawaasa naannoo waliin ta'uun ji'a Guraandhalaa bara 2020 keessa magaalaa Gudar keessatti siidaa yaadannoo Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir dhaabuuf dhagaa bu'uuraa kaa'uuf qophiin erge xumuramee booda qaamolee nageenyaa mootummaan sagantichi haqameera.

Sagantaa kana guyyaa tokko dura gumaacha Waldaan Maccaafi Tuulamaa yaadachuun Konfireensiin Yunivarsiitii Ambootti qophaayee tures danqameera.

Dr. Taaddasaa dabalatee qindeessitootni sagantichaa biroon hoogganoota siyaasa biyyaan akeekkachiifniifi doorsifni irra gahe akka tures BBC'n wayita sanitti iyyaafateera.

Miidiyaa hawaasummaa gubbaatti yaadaafi ilaalacha isaanii maxxansuun hordoftoota hedduus kan qaban Dr. Taaddasaan, Sadaasa 3 bara 2020 lolli naannoo Tigraayitti eegalamuu hordofee yaada ''marii biyyaalessaa hunda hirmaachise hin wayyuu?'' jedhu maxxansanii turan.

Maxxansa isaanii kanaan ''osoo waraannii rakkoo siyaasaaf fala ta'ee, biyya keenyas ta'e addunyaarratti rakkoon siyaasaa hin jiru ture'' jedhan.

Yaadni isaanii kunis namoota hooggansa naannoo Oromiyaarra jiran mufachiiseera, akeekkachiisaafis isaan saaxileera.

Taatee kana booda ji'ootaaf miidiyaa hawaasaatti dhimma bahuu akka dhaaban beeksisanii ture.

Dr. Taadassaan guddina quucaraa Yunivarsiitii Amboo gama hedduun jijjiiruu hawaasni Yunivarsiitichaa kan himan ta'us, gama kaaniin hojiiilee hawaasummaarratti hedduu xiyyeeffatanii gama misooma nama barateen gahee guddoo hin baane jedhanii kan qeeqanis jiru.

Hojjettoota Yunivarsiitichaa dubbifne keessaa tokko hojiileen hawaasummaa hojjetan hundaa ol bahanii waan mul'ataniif isa kaan haguugan ta'e malee dhimma akka hanqinaatti irratti ka'u kanaaniilee hin komataman jedhu.

''Hamma dafqee itti dadhabe nama hin galateeffatamneedhas'' jedhan namni kun.

Taaddasaa Qana'aa (PhD) eessaa ka'an?

Dr. Taaddasaa Qana'aa baadiyyaa naannawaa magaalaa Amboo, ganda qonnaan bulaa Goosuu Qooraatti dhalatan.

Barnoota sadarkaa tokkoffaa mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Amboo Addis Katamaatti; sadarkaa lammaffaa ammoo mana Barnootaa sadarkaa lammaffaa Ambootti erga xumuranii booda qabxii gaarii fiduun Yunivarsiitii Finifnnee galuun gosa barnootaa Akkaawuntiingiin Digirii jalqabaan eebbifaman.

Achiis kallattiin Yunivarsiitii Amboottii gargaaraa barsiisaa ta'uun qacaramanii osoo hedduu hin turiin, barnoota digirii lammaffaaf Yunivarsiitii Finfinneetti deebi'an.

Digirii lammaffaa isaaniis gosa barnootaa 'Business Administration' jedhamuun xumuruun Yunivarsiitii Ambootti deebi'anii sadarkaalee hooggansaa adda addaarratti ramadamanii hojjachuu itti fufan.

Barnoota PhD isaanii ammoo Swedish University of Agricultural Science jedhamurraa ''PhD in Technology - Supply Chain Management'' jedhuun fudhataniiru.

Dr. Taaddasaan bultii kan qaban yoo ta'u abbaa ijoollee dhiiraa sadiiti.