Sidiiniitti dubartiin sobaan doktarii ofiin jette qoratamaa jirti

Maxxanfame

Awustiraaliyaatti dubartiin sobaan doktariidhs ofiin jechuun baatiiwwan saddeetiif hospitaala wallaansaa keessa hojjataa turte himatamuun qoratamaa jiraachuun dhagahame.

Dubartiin umuriin waggaa 28 tunis biyya Awustiraaliyaa hospitaalaa Sidiinii keessatti argamu Bankstown-Lidcombe keessa baatiiwwan saddeetiif hojjataa turte jedhame.

Garuu booda hospitaalichi akka isheen Eejjansii To'ataa Hojjattoota Fayyaa Awustiraaliyaa (AHPRA)n hin galmaa'iin hubachu hime.

Eejjansiin To'ataa Hojjattoota Fayyaa Awustiraaliyaa qaama hojjattoota fayyaa biyyattiif beekkamtii kennudha.

Poolisiin Niiw Saawuzi Weelsi dhimmicha qorataa jira jedhameera.

Dubbii himtuun hospitaalichaa ibsa keessatti akka jetteetti, hojjattuun tunis baruma kana baatii Ammajjii keessa hospitaalichatti hojii eegalte. Amma ammoo akkuma beekamtii kan hin qabne ta'unshee torbeedhuma kana keessa barameen ''battalumattii hojiirraa harii'atamte jirti,'' jette.

Itti dabaluunis dubartiin tunis wayita hispitaalicha keessa hojjataa turteetti ''gutummaa gutuun nama biraatiin hordofamaafi gargaaramaa'' turtees jedheera ibsichi.

Hospitaalli Bankstown -Lidcobe dhimmicha Ajjansiichaatti gabaasuu fi qorannoo keessoo gaggeessuun barameera.

Akka gabaasa 7News gabaaseetti, dubartittiin himatamte tunis barnoota ogummaa wallaansa fayyaa barachuudhaan qormaata dhumaa waan kufteef hojii doktara jalqaa argachuuf sanada sobaa hojjachiifatte.

Gagaasichi dabaluunis balleessaa sobaatiin gaafatamu akka dandeessuu eerulleen hanga ammaatti himannaan irratti baname omtu hinjiru.