Dooniin UAE irraa kaate hidhattootaan butamtee turte gadhiifamte

Madda suuraa, Steve Geronazzo
Hidhattootni galoo galaana Oomaanitti Doonii UAE irraa kaatee koruun butanii turan doonittii gadhiisuu isaaniifi namootni achi keessa turan hunduu nagaa ta'uu aanga'oonni himan.
Dooniin kun Kibxata gara ulaa Hormuuzitti osoo imalaa jirtuu butamte. Qaamni bute adda bahuu baatus humnoota Iraan ta'uu malu jedhame.
Iraan gama isheen himannaa kana fudhatama dhabsiifteetti.
Dooniin alaabaa Panaamaa fannifattee Yunaayitid Arab Emiratis (UAE) irraa kaatee deemaa turte tokko namoota hidhatanii turaniin Galoo Galaanaa Omaan keessatti butamuun gara Iraanitti akka imaltu ajajamuu ishee dhaabbanni Lloyds List Maritime Intelligence jedhamu mirkaneesseera.
Dooniin butamte kun akka gara Iraanitti imaltu hidhattoota kanaa ajajamteetti.
Dooniin taankarii siicoo jikita boba'aa aspaaltii hojjechuuf ollu fe'attu MV Asphalt Princess jedhamtu kun gara ulaa Galoo Galaana Peershiyaafi Omaan walqunnamsiisu, Strait of Hormuz'tti dhiyaattee turte jedhameera.
Doonii kana qaamni bute ifa miti garuu humnoonni Iraan akka shakkaman xiinxaltoonni himaa jiru.
Eegduun Waraaqsa Iraan garuu gaabaasicha kan fudhatama hin qanedha jechuun ittiin qabatanii "tarkaanfii hamaa" Tehraan irratti fudhachuuf kan ta'edha jedheera.
Taateen kun kan mudate dooniin taankarii boba'aa feetu qabeenyummaan ishee kan kampanii Israa'el taate tokko yeroo Omaan irraa kaatutti haleelamuun eegddonni lama ajjeefaman torban tokko hin guutiin jiru keessatti.
Haleellaa lammii Biriitish tokkoofi lammoo Romaaniyaa tokko galaafatee ture sanaaf US, UK fi Israa'el Iraanitti quba qaanis isheen garuu waakkatteetti.
Gabaasaan Dhimma Nageenyaaa BBC Firaank Gaardner akka jedhetti MV Asphalt Princess qabeenya kampaanii Dubaayi keessa jiruu tokkoti. Kampaaniidhuma kana jalaa waggaa lamaan dura dooniiwwan isaa keessaa tokko eegdota warraaqsaatiin jalaa butamtee turte.
Akka gabaasaaleen jedhanitti, namoonni hidhatan sagal ta'an doonii kana yeroo isheen ulaa Strait of Hormuz'tti dhiyaattu koranii turan.
Ulaan kun ammoo karaa galaanaa boba'aan addunyaa shan keessaa harki tokko ittiin dhiyaatudha.
Kanaan dura dhaabbanni UK oppereeshiniin daldala galaanaa hordofu, UKMTO, dooniiwwan karaa ulaa Galoo Galaanaa Omaan keessa darban of eeggannoo cimaa akka taasisuu qaban gorsee ture.
Dubbi Himaan Waajira Dhimma Alaa UK akka jedhanitti, rakkoo qarqara galaanaa UAE'tti doonittii muate kana atattamaan qorataa jira.
Waayit Hawus ammoo dubbii dhaga'ame kana "baayyee yaaddessaadha" jedheera.
UKMTO duraan dursee rakkoon akka isaan mudachuu danda'uuf "carraan butamuu" akka jiraatu dooniiwwan akeekkachiisee ture.
Guyyaa taateen kun mudate dursee dooniiwwan taankarii afur "ajaja jala akka hin turre" gabaafamee ture. dooniiwwan 'ajaja jalaa bahuu' jechuun ammoo gara barbaadanitti imaluudhaaf aangoo hin qaban jechuudha. Haata'u malee, dooniiwwan afran keessaa tokko gara boodaa deebitee imaluu akka jalqabde APn gabaaseera.
Xiyyaarri Humna Waraanaa Omaan galaana to'atu tokko osoo galaanarra balal'iuu argameera akka odeeffannoon FlightRadar24.com irraa argame ni mul'isa.
Ministeerri Dhimma Alaa Iraan gabaasaaleen waa'ee Kibxata dooniiwwan baay'ee mudatee "shakkisiisoodha" jechuun yaalii Tehraan irratti "duumessa sobaa uumuudha" jechuun akeekkachiiseera.














