'Sababiin Albinoon qabameef manneen barnootaa shan na galmeessuu didan'

Maxxanfame

Wiinii Jeelimoo barattuun umurii waggaa 15 fi dhibee gogaa nama daalacheessu yookaan adeessuu Albiinoo jedhamuun qabamtedha.

Isheenis sababii bifa gogaa qaama isheetiif jecha manneen barnootaa shan galmeessuu akka didan BBC'tti himte.

Barattuun lammii Keeniyaa Wiinii Jeelimoo akka jettuutti, qabxii olaanaa qabaattuulleen sababii bifa gogaa isheetiif jecha galmee dhorkan.

Kanaan kan ka'ees mana barnootaa sadarkaa lammaffaa biyyattii keessatti galmaa'uuf bu'aa bahii hedduu keessa darbuu dubbatti.

Wiinii akka jettuutti ''siriiyuu manni barnootaa tokkoo ifumatti sababii dhukkuba albiinoo keetiif si hin galmeessinu,'' naan jedhee jetti.

''Barattoota kaan galmeessaa na diduu isaanitti baayyeen gadde'' jechuun BBC Focus on Africa' tti himte.

Kanaan dura loogii ifatti taasifamu akkasii dhageessee waan hin beekneef baayyee nahuu dubbatti.

''Namni Albininoon qabamees akkuma warra kaanii barachuu ni danda'a… Albiinoo jechuun garaa garummaa bifa gogaa qofaadha. Waan kaaniin akkuma nama kaaniti,'' jetti shamarreen tun.

Haa ta'u malee bu'aa bahii ishee mudate kanaan booda bakka itti barattu argachuu isheetti gammaduus ni himti.

Amma Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Dubartootaa Kaapkendaa kan lixa magaalaa Chepkoriyootti argamutti galmaa'uusheetti gammaduu dubbatti.

Akkasumas barnoota ishee sadarkaa lammaffaa xumuuruuf iskolaarshippii waggaa afurii kennameeraafii.

Carraa kanas walta'insa Fandii Barnoota Keeniyaa fi Waldaa Lammiilee Keeniyaa Albiinoon Qabamaniitiin kan argatte.

''Baayyee nama gammachiisa. Waa'ee Wiinii mudate wayitan dhagaheetti baayyen aaree ture,'' jedhan abbaan ishee Obbo Saamu'eel Rotich.

Dhibeen Albiinoo dhukkuba yeroo gar-tokkeen yookaan ammoo guutummaan DNA keessaa seeliin bifa namaa gurraachessu yookaan halluu kennu dhibamu nama qabatudha.

Qaama namaa keessatti seeliin bifa namaaf kennu Melanin jedhamu akka hin oomishamne yeroo tahu dhukkuba nama qabatu yoo tahu gogaa, rifeensaa fi iji namaa bifa adii yookaan daallachaa qofa akka qabaatu taasisa.