Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa EUn Sudaan akka balaaleeffatuuf gaafate

Madda suuraa, The Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia
Waldhabdee daangaa Itoophiyaafi Suudaan jidduu jiru ilaalchisuun Gamtaan Awurooppaa (EU)n dubbii barbaacha Sudaan akka balaaleeffatuuf Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa waamicha dhiyeesse.
Itti aanaan MM fi Ministeerri Dhimma Alaa Damaqaa Makoonni, balaalleeffannaan alattis waldhabdeen daangaa biyyoota lamaanii karaa mariitiin akka furamuuf mijeessuuf Sudaan bakka waraana Tigraayiin dura turteetti akka deebiituuf waamicha akka taasisuu gamticha gaafatan.
Obbo Damaqaan kana kan gaafatan kaleessa bakka buutuu addaa gaanfa Afrriikaa gamtichaa Aneet Weenar waliin wayita mari'ataniitti ta'u waajjiirri ministeerichaa beeksiiseera.
Tiba marii kanattis qondaaltoonni suudaan gaaffii daangaa ishee karaa humnaatiin hiikuuf yaaltee jirti jedhan.
Haalli kunis kan seera idil-addunyaa cabsu akka ta'ee Ittaanaan MM kun baakka butuu addaa kanaatti himan.
Qondaaltoonni olaanoon Sudaan lafawwan naannawa daangaa kan qonnaan bultoota Itoophiyaa harka turan to'annaa waraanaa isaa jala galchuu kan ibsan yoo ta'u, sababii kanaanis namoonni hedduun buqqaaffamuufi qabeenyaan olaanaan barnadaa'usaa gama Itoophiyaatiin ibsamuun ni yaadatama.
Itoophiyaan waraaanaa Tigraay hordofuun lafa seeraan ala 'weerarte' gadhiisuun gara mariitti haa deebiinu jettulleen, Sudaan gama isheetiin waraanni ishee lafa kan kiyyaa jettuu keessaa irra jireessaa to'achuu fi kunis tarkaanfii hingeeddaramne ta'u ibsuun ishee ni yaadatama.
ergamtuun addaa tunis dhimma daangaa Suudaaniifi Itoophiyaatiin alattis waa'ee filannoo marsaa jahaffaa, dhimma bishaaniin guutuu hidha Haroomsa gddichaa fi marii biyyoota sadanii akkasumas waa'ee dhukkaasa dhaabbuu addatti motummaan taasisee ilaalchisee mari'achu odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame ni mul'isa.
Labsii dhukaasa dhaabu ilaalchisees ejjannoo motummaa maal akka ta'e Obbo Dammaqaan ibsaniiru. Motummaan deeggarsi namoommaa haala fooyya'een akka qaqabuuf hawaasa idil-addunyaa waliin itti dhiheenyaan hojjachuu fi naannoo Tigraay deebiisanii dhaabuuf jedhaniiru.
Kana malee TPLF hawaasa dahoo godhachuun, haleellaa waraanaa raawwachuun deeggarsa namoommaa guffachiisuu akkasumas ijjoollee loltummaaf bobbaasuun labsii dhukaasa dhaabuu cabseera jedhan.
Kanaan walqabatees qaamoolee waliigaltee dhukkaasa dhaabuu namoomaa addatti qaama tokkoo kan gufachuusan irratti tarkaanfii barbaachisan fudhachuuf motummaan federaalaa kutannoon akka jirus Obbo Dammaqaan ibsan.













