UKtti mucaan waggaa 15 yakka ajjeechaa hiriyaasaa umurii 15tiin himatame

Madda suuraa, Met Police
Mucaan waggaa 15 erga dargaggoon umuriidhaan walfakkaatu tokko kibba- baha Landaniitti waraanamuun ajjeefameen booda yakka ajjeechaan himatame.
Landaniitti bara 2008 irraa kaasee ijoolleen dhiiraa umurii mana barnootaa gareen wal ajjeesuun garmalee dabalaa dhufuunsaa yaaddoo uumaa jira.
Taamiim Ian Haanimaanaa kan umuriinsaa waggaa 15, guyyaa Wiixata darbee ture Landan naannoo daandii Wuulwich Niiw jedhamutti battaluma waraanameetti lubbuunsaa kan darbe.
Mucaan amma mana murtii dhaddacha Biromleey dhiyyeeffamuuf jiru kunis yaalii ajjeechaa dargaggoo biraa fi seeraan ala meeshaa waraanaa qabachuun himatameera.
Dabalataanis ijoollee dhiiraa kan umuriinsaanii waggaa 14 fi 15 ajjeechaa guyyaa Jimaataa mudateen shakkamuun to'annoo jala oolfamaniiru.
Isaanis buufata poolisiin kibba Landan keessa akka turan taasifamaniiru.
Qondaalli poolisiin dhimma kana qorataa jiruu Inspektar Riichaard Lii'onaard, ''Tarkaanfii kun maatii Taamiim fi hawaasa bal'aa kutannoo nuti yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf qabnu kan mirkanneessu akka ta'een abdadha,'' jedheera.

Bara 2021 keessa hanga har'aatti ijoolleen 21 ajjeeffamaniiru. Bara darbe ammoo haleellaa magaalattii keessatti raawwatameen ijoolleen 17 ajjeefamanii ture.
Ajeechaan ijoollee guddattota kanneen haala kanaan kan itti fufu yoo ta'e, barri kun erga bara 2008 as Landan keessa bara ajjeechaan ijoollee guddattootaa itti raawwatame isa hamaa ta'a.















