Indiyaan ardii Antaarkitikaa irratti sanyii biqiltuu haaraa argatte

Maxxanfame

Saayintistoonni Indiyaa sanyii biqiltuu haaraa ardii Antaarkitikaa irratti argatan.

Baayoloojistoonni bantii lafaa qoratan sanyii biqiltuu abaaboofi hidda hin qabnee bara 2017 ardii cabbiin uffifame yeroo deeman argachuu himan.

Haatahu malee hojiin biqiltuu kana adda baasuu rakkisaa gatii taheef saayintistoonni kunneen biqilaan kuni yeroo jalqabaaf argamuusaa mirkaneessuuf waggaa shan itti fudhateera.

Waraqaan qorannoo joornaalii idila-addunyaa Asia-Pacific Biodiversity irratti fudhatama argate abuurraa biqiltuu kanaa mirkaneessuun ibseera.

Baayoloojistoonni Central University of Punjab, sanyii biqiltuu kanaa Bryum Bharatiensis jechuun moggaasaniiru. Bahaaratiin ayyaantuu Hinduufi maqaa buufata qorannoo Indiyaa Antaarktikaatti argamu dha.

Piroofeesar Feeliiks Baast baayolojistii imala baatii jahaa gara ardii Antaarkaatikaatti godhame keessattti nama hirmaatan yoo tahan, imalli kuni saayintistoota Indiyaa kanaaf isa 36ffaa yoo tahu sanyii magariisaa kana iddoo Larsemann Hills jedhamutti argatan.

Biqilootni lubbuudhaan jiraachuuf naayitiroojinii, potaasiyamii, foosfarsii fi aduu akkasumas bishaan barbaadu. Ardii Antaarkaatikaa irra harka tokko qofatu cabbiidhaan hin uffifamne. ‘’Gaaffiin inni guddaan biqiltuun kuni attamiin lafa kattaafi cabbii kanarratti jiraachuu danda’e ?’’ kan jedhudha jedhan Piroof Baast.

Saayintistoonnii kunneen biqiltuun kun iddoo peenguuwiinoti jiraatanitti argama. Bobbaan Peenguwiin immoo naayitiroojinii qaba. ‘’Kana jechuun biqilootni ardii kanarra jiran bobbaadhuma peenguwiiniidhaan jiraatu jechuu dha. Sababa qilleensa qorraa kanaan burkutaa’ee baduu dhabuunsaa baayyee isaan gargaareera,’’ jedhu Piroof Baast.

Aduu hoo eessaa argatu? Saayintistoonni biqiltuun kuni waqxtii cabbii cimaa ji’a jahaa yeroo aduu tasa hin arganne tempireecharii -76C keessatti akkamiin akka jiraate ammayyuu sirriitti hin hubanne jedhan.

Saayintistoonni kunneen,’’ biqilaan kuni yeroo cabbii cimaa gogee gara micireetti deebi’uun Fulbaana keessa yeroo aduu argata muuta’uu jalqaba. Achii biqilaan gogaa ture cabbii baqurraa bishaan ofitti fudhata,’’ jedhan.

Samuuda erga funaananiin booda saayintistoonni Indiyaa DNA biqiltuu kanaa qorachaa fi biqiloota biroo waliin hariiroo qaban hubachaa waggaa shan dabarsaniiru. Sanyiin biqiltuu kanaa 100 tahan Antaarkaatikaa irraa walitti qabame galmaa’eera, iddoon qorraa, gogaafi qilleensa qabu akka ardii kanaa hin argamane.

Dhimmi saayintistoota kana yaaddesse garuu yeroo imala isaanii ‘ragaa rifaasisaa’ jijjiirama haala qilleensaa irratti argatani dha. Cabbiin hamma tulluu gahu baqaa akka lagaatti yaa’aa jiraachuu argine jedhan.

‘’Antaarkaatikaan magariisaa tahaa jira. Sanyiin biqilootaa kana dura iddoo cabbaawaa kanarratti biqiluu hin dandeenye, amma sababa ardiin kuni ho’a argachaa jruuf mul’achaa jiru,’’ jedhan Piroof Baast.

‘’Antaarkaatikaan magariisaa tahaa dhufuun argannoo nama jeequ dha,’’ kan jedhan immoo Piroof Raghavendra Prasad Tiwari dha. ‘’Cabbiin achi ciisu jalasaa maaltu akka jiru hin beeknu. Lubbuu qabeeyyiin ijaan hin mul’anne kan dhukkuba fiduu malan jiraachuu danda’u, yeroo cabbiin kuni baqus achii as bahuu danda’u,’’ jedhan.

Indiyaan buufata qorannoo waggaa afurtama dura hundeessitus biqiltuu haaraa abuuruun garuu kan jalqabaati.

Buufatni inni jalqabaa bara 1984 kan hundaa’e yoo tahu, bara 1990tti cabbiitu isa nyaate. Sana booda buufatawwan Maayitrii fi Bahaaraatii jedhaman bara 1989 fi 2012 hojii jalqaban ammallee itti jiru.