Mombaayiitti mootummaan bosona ciruusaatti ummanni dheekkame

Maxxanfame

Manni Murtii Olaanaa Hindii aanga'oonni mootummaa magaalaa Mombaay keessatti cirama mukeenii itti jiran akka dhaaban dhaame.

Bakka mukeen itti heddummaatan qulqulleesun daandii baaburaa ijaaruuf hojii mootumman eegale kana jirattootni mormuuun hiriira bahaniiru.

Jiraattotni karoora mootummaa kaa mormuun sagalee isaani mallattoon walitti qabanii qaama ilaallatutti dabarsaniiru.

Mukkeen kun Aarey colony jedhamuun kan beekaman yoo ta'u, uummati kabaja guddaa qabaafi. Ciramuu caala bakka tuttuqqaarraa ittifamee kunuunfamuu qabudha jedhu.

Manni murtii olaanaa mallattoota uummataa yoo kuffisu, kun mormiif sababa ta'us mootumman mukeen kana ciruutti jira.

Karoorri mootummaa mukeen 2,185 ciruu yoo ta'u kan keessaa 1,500 ciramuun beekameera. Warreen kana morman mootummaan waan karooraan ibse caala ciree jedhu.

Quuqamtootni naanno fi mormitootni mormii isaani daandiitti bahanii ibsuu isaaniin poolisii waliin walitti bu'aniiru. sababa kanaanis namoonni 50 to'annoo jala oolaniiru. Dhorkaan namni akka walitti hin qabamane jedhus kaahameera.

Murtee jalqabaan boodaasa gaaffii manni murti dhimmicha keessa akka galu dhiyaateen mootummaan hanga amma ciretti dabalee akka hin cirre gaafateera.

Dhimma kanarratti dhaddacha haga taa'ee murteessuttis mootummaan ijaarsa akka hin eegalle gaafateera.

Dabalataanis quuqamtoota naannoo sababa kanaa to'annoo jala oolaan mootummaan akka gadhiisu gaafateera.

'Aarey' lafti jedhamu kun lafa hektaara 1,300 uwwisuufi bosonaan haguugame yoo ta'u, laga Mithi jedhamuufi haroowwan xixiqqoo of keessaa qaba.

Hadhuura Moombaay keessatti lafa bosonaa ''somba magariisaa'' jedhameetus beekama.

Daandiin baaburaa lafa kana qaxxamuree ijaaramuuf jedhu guyyaattii namoota miiliyoona 1.7 ta'aniif tajaajila geejibaa kenna jedhamee yaadame.