Xiyyaarrii waraanaa Filippiin kufee caccabuun namoota 45 galaafate, hedduun lubbuun hafan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Xiyyaarri waraanaa imaltoota keessaa irra caalaan isaanii loltoota ta'an 92 qabatee balalii'aa ture kibba Filiippiiniitti kufuun caccabuun yoo xiqqaate 45 lubbuu dhaban.

Bakka xiyyaarichi itti kufee odola Jooloo irrattidha. Kanneen lubbuun hafan ammoo hospitaala waraanaa dhiyeenyatti argamuutti geeffamaniiru.

Xiyyaarri C130 Hercules, jedhamu wayita buufata Jooloo qubachuuf jechaa tureetti lafa qubannaarra darbuun balaan irra qaqabuu, Barreessaan Ittisaa Delfin Loreenzaanaa himan.

Caccabaa xiyyaarichaa irraa ibiddiifi aarri mul'ataa ture jedhame.

Xiyyaarrii akka lakkoofsa sa'aatii biyyattiitti gara 11:30 (03:30 GMT) irratti magaalaa Jooloo irraa fageenya kilomeetira muraasarratti kufe kunis, loltoota Kaagaayaan De Oro irraa fuudhee gara odola kibbaatti argamtu Mindaana'otti geessaa ture.

''Lafa irra qubannaa erga dogongoree booda deebisee humna argachuuf yaaluurreen garuu qaqqabuu hin dandeenyee,'' jechuun ture Janaraalli duree humnoota waraanaa Sobejaanaa gaazexeessitootatti kan himan.

Xiyyaarichi rukutamee ta'usaatiif mallattoonni agarsiisuu homtu hinjiru jedhan qondaaltonni. Akkuma hojiin baraarsaa raawwatameen dhimmicharratti qorannoon ni eegalamas jedhan.

Namoonni xiyyaaricharra turan hedduun loltoota dhiheenya kana leenjii waraanaa bu'uraa ta'e xumuran ta'u AFPn gabaaseera.

Eejjansiin midiiyaa motummaa biyyattii suuraawwan caccabaa xiyyaaraa ibiddaan boba'aa jiru lafa bosonaan kan gamoowwan baayyeetti dhiyaatee jiru agarsiseera.