Qondaalli olaanaa dhaabbata Tiraamp yakka gibiraan himatame

Maxxanfame

Dhaabbati pireezidantii duraanii US Donaald Tiraamp fi hogganaan daldalaa isaa yakkoota gibiraan walqabateen himataman.

Alan Weesalbarg, ganna 73, Kamisa anga’oota Niwu Yoorkitti dabarsee of kenneera. Sana booda galii doolara miiliyoona 1.7 ta’u dhoksuun himatame.

Abbootiin alangaa akka jedhanitti shirri waggootii 15’f ture kun hoggantoonni wantoota akka beenyaa, mana kiraa fi kaffaaltii mana barnootaa jennuun gibira jalaa miliiqaa turaniiru.

Abukatoonni dhabbatichaa fi Weesalbarg yakka gibiraa hin raawwannee jechuun iyyataniiru.

Himanni kallattiin Tiraamp irratti dhiyaate hin jiru, ta’us abbootiin alangaa pireezidantiin duraanii kun ragaalee himannaa kana irratti walitti qabaman tokko tokko mallatteessuu isaa himaniiru.

Dhaabbati Tiraamp kampanii maatii hoteeloota, kilaaboota golfii fi qabeenya biroo of keessatti qabatudha, dabalataaniis gamoowwan Tiraamp, waligaltee kitaabaa fi sagantaa TV adda addaas of keessatti qabata.

Himannaan yakkaa dhiyaate kun kan taasifame qorannoo yeroo dheeraaf abbootiin seeraa Manhaataan fi bulchiinsa waliigalaa tasisaniin booda.

Qorannoon Abbaan seeraa bulchiinsa Saayiras Vaance taasisan kan xiyyeefate Weiselbergii fi hoggantoonni dhaabbatichaa qaraxaaf osoo hin gabaasiin bu’aale akka kiyaa manaa ykn konkolataa argataniiru kan jedhu irrattidha.

Himannaan Kamisa beeksifame kun hanna qaraxaa fi gabaasaa daldalaa irratti sobuu of keessaa qaba.

Weyisselbergi himmannaa irratti dhiyaate “mana murtiitti falmuuf qophaa’aa” ta’uu isaa abukaatonni isaa himaniiru.

‘Waa’ee siyaasaa miti’

Tiraampiifi waayilootni isaa qorannoon gaggeefamaa jiru kun siyaasaan kan walqabatedha jedhu.

Pirezdaantiin duraanii kun himannaa taasifame kana ilaalchisee ibsa baaseen “ Adamsi waan hin jirree kan Dimokraatotaan gaggeeffamaa ture, amma ammo Niiw Yoork itti fufteetti. Kun caalatti biyya keenya addaan qoodaa jira,” jedhan.

Dhaabbatichis “kun haqa miti, kun siyaasadha,” jedha.

Ta’us garuu abbaan alangaa Keerii Duun “ Himannaan kun waa’ee maaliti kan jedhu adda baasuuf: Kun waa’ee siyaasaa miti,” jedhan.

Dhabbatichi yakkamaa ta’uun isaa yoo mirkanaa’ee daldalootni tokko tokko hariroo Dhaabbata Tiraamp waliin qaban adda kutuu danda’u, dhabbatichiis adabbii maallaqaa kaffaluu danda’a.

Magaalaan Niiw Yoork ammumaan daldala pireezdaantii duraanii waliin qabdu addaan kuteetti.

Qorannoon hedduu irratti gaggeeffamuus, pireezdaantiin duraanii kun innis ta’e daldalli isaa homaa yakka akka hin raawwane haaleera.