Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Korri guddaan Doonaald Tiraamp himatamuu qabamoo hin qabu jedhu murteessu taa'ame
Abbootiin alangaa Niwu Yoork Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp yakkaan himatamuu qabumoo himatamuu hin qaban dhimma jedhu qoratanii murteessuuf kora (Grand Jury) gaggeessuusaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Gareen namoota dhimmicha qoratanii murteessanii (Grand Jury) kun waliigalteen bizinasii Tiraamp wayita qoratamu ragaalee sassaabamaniifi maallaqa Tiraamp dubartiin tokko akka maqaa isa hin xureessineef kaffaluun shakkamanis ni qoratu jedhameera.
Giraand Juuriin kun lammilee Ameerikaa ragaalee kennaman himannaan seeran otoo saaqamuufi dhiisuun hin murtaa’iin dursanii iccitiin qorataniidha.
Aab Tiraamp maanguddoon ganna 74 garuu dogoggoraan hojjadhe homaa hin qabu jedhanii waakkataniiru.
Abbootiin alangaa galmeen himannaa akka gartuu juurii jedhaman kanaan akka ilaalamuf garasaanitti dabarsuu danda’u.
Giraand juuriin akka walitti qabamaniif kan murtaa’e abbaan alangaa kutaa Manhattan Kaayiruus Vaansii, qorannoo waggaa lamaaf gaggeesserratti hundaa’un himannaa banuu akka danda’u abdatamuudhaan.
Aab Vaans galmee taaksii Tiraamp, taaksii hir’ateefi haqamuu dhaabbanni Tiraamp himatu argachuuf falmii mana murtii dheeraa gaggeessa ture.
Torban darbe haati alangaa bulchiinsa Niwu Yoork Letitiyaa Jeems, qorannoon Dhaabbata Tiraamp irratti gaggeessitu gara qorannoo yakkaan walqabatutti ce’uu himteetti.
Dubbi himtuun Letitiyaa Jeemsi qorannoo qabeenya kaampanii Aab Tiraamp’’dhimma siviilii qofa miti’’jette.
Aab Tiraamp haati alangaa’’yakka narra barbaada jiru’’jedhanii deebii kennan.