Waldhabdee ollaa gidduutti uumameen mukni tokko walakkaatti hirame

Maxxanfame

Morkiin namoota ollaa gidduutti muka balbalarra jiruun dhalate, inni tokko muka kana bakka lamatti addaan hiree booda ''waraanatti'' geeddarame.

Gaheessi ganna 56 Bharat Mistry akka himutti, ollaan isaa makoodiiwwan muka kanarra mannee ijaarratan seensasaa xureessaa akka turan komii dhiyeeffachaa ture jedheera.

Jarri biyya Ingilaand magaalaa Sheefild jiraatan kunniin ''garaa qulqulluun waliigalteerra'' gahuu yaaluun dura, ollaansaa kun ogeessa muka muru waame jedha.

Ollaan Aabba Bharat kun yaadasaa akka ibsatu gaafatamuuf argamuu hin dandeenye.

Maatiin ollaa jiran kun mukti kun asii haa kaafamu jechuun ji'a Bitootessaa bara dabre keessa jalqaba gaafachuu namni kun ni himu.

Kana hordofees simphirreen achi keessa akka hin qubanne dhorkuuf ''mariin garagaraan'' dhimma mukti kun gubbaarraan haa ciramu ykn waan akka saaphana wayiin haa golgamu jedhu gaggeeffame.

Aabba Bharat ogeeyyii muka muraniifi biqiltootaa dhimmicharra mariisisaa turanis, ollaansaanii ganna 28 kun garuu ogeessa muka muru ofiisaatiin waame jedhu.

''Tilmaamuu dandeessa atuu, gaafa yeroo jalqabaaf taateen kun mudatu aarree turre,'' jedhan.

''Guyyoota muraasaan booda garuu ni tasgabboofne.''

Mukti kun erga suuraansaa intarneetarratti qoodamee booda hawwata turistootaa kan tahe oggaa tahu, namoonni hedduun ilaaluuf yaa'aa jiru.

Nama ollaa jaraa kan tahe Biriyaan Paarkis jedhamu waldhabdeen kun erga eegalee bubbuleera jechuun, ''lachaniifuu nan gadda,'' jedhe.

''Amma hammaateera. Amma booda lamaan isaanii waan dubbii qabbaneessan miti. Takka raawwateera, duubatti deebisuu hin dandeessu. Waraana jara lamaanii harkaa qabna.''

Ollaan biraa Ann Wiles jedhamtus, ollaan lamaan kun amma dura sagantaa daa'immanii waltahanii qopheessanii turan jetti.

''Hangan quba qabutti waliigalu turan,'' jetti.

''Makoodii hedduu qabna naannoo keenyatti, dhibbaan kan lakkaa'aman. Baadiyyaa keessa jiraanna waan taheef, waantoota kanneen fudhachuu qabda.''

Mukti kun yoo irra deebi'ee guddachuu yoo hin danda'u tahe muramuun isaa hin oolu jedhan Aabba Bharat. Tahus haala biraan boca biraa qabsiisuun ni danda'ama jedhee abdata.

Haati warraasaas: ''[Dhimmichi] haala kanatti adeemuusaatti hedduun gadde,'' jette.