Barattoonni Chaayinaa daarektara mana barnootaa to’annoo jala oolchan

Madda suuraa, NANJING NORMAL UNIVERSITY ZHONGBEI
Chaayinaatti barattoonni digriin keenyi nu jalaa gatii dhaba sodaa jedhuun mormii bahuun hoggannaa kooleejjii isaanii to’annoo jala oolchanii akka turan poolisiin biyyattii Kibxata beeksise.
Mormiichis karoora kooleejii Naanjiing institiyuutii oggummaa badaa beekkamtii hinqabneefi bulchiinsa Jiyaangsuu keessa argamuun walitti makamu jedhun ture.
Barattoota mormiif bahan keessaa tarkaanfii poolisiin uleen dhahuu fi mimmixa itti biifuun fudhateen muraasni miidhamuun barameera.
Mormiin akkanaa Chaayinaa biyyaa baayyatanii socha'uun dhorkameetti waan barame miti.
Poolisiin magaalaa Daanyaang ibsa Kibxata baaseen, barattooonni digrii jalqabaa Yunivarsiitii Naanjiing Noormaal fi Kooleejii Zhoongbee gaafa Dilbataa walitti qabamuun diinii isaanii nama ganna 55 mooraa keessatti sa’atii 30 caalaaf ugguranii jedhe.
Erga karoorri kooleejiiwwan lameen tokko gochuu yeroof haqamuun himamullee barattooonni hogganicha gadhiisuu didan jedha poolisiin.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa poolisiin mimmixa biifuufi ulee fayyadamuun mormitoota yoo bittinsu suuraa qoodaa turan. Barattuun tokkos mataasheerra dhiigaa turte jechuun AFP’n gabaaseera.
Ibsi poolisii ‘’seera mooraa kabachiisuuf humnoonni nageenyaa tarkaanfii barbaachisu fudhataniiru, haala kanaan nama achitti qabame yoo baasan kan madaa’anis yeroosuma hospitaala geeffamanii,’’ jedha.
Haashtaagiin ‘’barattoonni Yunivarsiitii Naanjiing maqaa seera kabachiisuun miidhaman,’’ jedhu miidiyaa hawaasaa Chaayinaa Weeboo irraa haqameera.
Tahus viidiyoon Tiwiitar irratti qoodame barattoonni digrii jalqabaa poolisootaan marafamaniifi poolisiin namoota tokko tokko keessaa yoo baasu agarsiisa.
Kooleejiiwwan jaha naannnoo Jiyaangsuu keessa jiran karoora walitti makamuu haquu isaanii ibsaniiru.
Dippaartimantiin Barnootaa Jiyaangsuu murtoon kan kenname koolejota of dada’anii jiran gara mana barnootaa ogummaatti geeddaruun qajeelfama Ministeera Barnootaa hordofuuf ture jedhe.

Madda suuraa, Chinese social media
Murtoon kuni kooleejiiwwan naannichaa afur keessatti mormiin akka ka’u godheera. Akka Global Times gabaasetti, yerootti mormii afaaniirra darbee wal-dhahuuf walitti ka’uun faa ture jedheera.
Kooleejiiwwan of danda’oo jedhaman yunivarsiitiiwwan biroo fi dhaabota hawaasaa ykn namoota dhuunfaa irraa maallaqa kan argatan yoo tahu barattoonni qabxii yunivarsiitiif tahu hin fidne kooleejiiwwan kanatti iyyachuu danda’u. Haala kanaan digrii yunivarsiitii eebbifamu garuummoo baasii barnoota caalaa kaffalu.
Digriiwwan kunneen digrii isa ogummaa (vocational) caalaa akka barbaadaman yaadama. Chaayinaatti barana qofa barattoonni miiliyoona sagal akka eebbifaman eegama.












