Waa'ee lallabaa amantii Naayijeeriyaa TB Jooshuwaa wantoota beekuu qabdan shan

Lallabaan amantii beekamaan biyya Naayijeeriyaa Teemtiyooppee Baalogun Jooshuwaa addunyaa kanarraa du'aan boqochuunsaa Dilbata dhagahame.
Naayijeeriyaarra darbee sadarkaa Afriikaatti kan beekamu lallabaan amantii warra wangeelaa TB Jooshuwaa, Sambata darbe akkuma tajaajila wangeelaa kennee xumureen lubbuunsaa darbuutu himame.
Maqaa gabaabaa TB Jooshuwaa jedhuun daran kan beekamu namni lallabaa amantii ta'e Teemtiyooppee Baalogun Jooshuwaa, raajiiwwan hedduu hojjedheera jechuun mata duree oduu ta'anii turan.
Namaaf qaroo deebisuudhaa hanga dhibee HIV/AIDS irraa nama fayyisuutti raajii hojjechaa turan jedhamaa ture.
Umrii waggaa 57tti du'aan kan boqotan TB Jooshuwaa gabaasa bara 2011 Forbes baaseen qabeenyi isaanii doolaara miiliyoona 10 hanga 15tti tilmaamee ture.
TB Jooshuwaa bara 1963 maatii galii gadi aanaa keessaa dhalatan.
Namni 'Raajii' ofiin jedhan kun gadameessa haadhasaanii keessa ji'oota 15 akka turantu himama.
TB Jooshuwaa waltajjiiwwan tajaajilaa garaagaraa irratti lallaba amantii erga eegalanii booda, akka raajiin itti mul'atee ture hordoftoota isaaniitti himaniiru.
Ergasiis namni Waaqayyoo kun, Mana Amantii Saboota Hundaa (The Synagogue Church of All Nations) hundeessuun tajaajilasaa cimse.
Sagantaa tajaajilaa torbaniin gaggeeffamurratti hordoftoonni kumaatamaan lakkaa'aman ni argamu.
Raajii fi barakaa nama kanaa qooddachuuf kanneen daangaa qaxxaamuruun mana amantii isaa magaalaa guddittii Naayijeeriyaa, Leegoos keessatti argamutti walga'an kumaa kitila.
TB Jooshuwaa wantoota ijoo ta'anii fi falmisiisoo ta'an hedduu kan raawwataa turan yoo ta'u kanneen keessaa wantoota inni itiin yaadatamu shanan kanneen armaan gadiiti.

Bishaan raajii TB Jooshuwaa
TB Jooshuwaa bishaan dhibee Iboolaa irraa nama fayyisu gara biyyoota Afriikaa Lixaatti erguunsaanii gabaafamee ture.
Akka TB Jooshuwaa jedhutti bishaan kun bishaan addaati, ''kanneen fayyadaman dhiifama akka argatan, akka eebbifaman, milkii akka argatanii fi ulfinaa fi kabaja akka argatan taasisa.''
Hordoftoota isaanii biratti kabajaa fi jaalala guddaa kan qaban TB Jooshuwaa, keessa ba'ee namoonni bishaan addaa kana argachuuf wayita walirratti kukkufanii lubbuusaanii dhabantu ture.
Bara 2013 Gaanaa magaalaa Akraa keessatti namoonni afur haala kanaan osoo bishaan kana argachuuf ifaajanii du''aniiru.
Raajii fi Raaga
Raajii fi raagi TB Jooshuwaa himan hordoftoota isaanii biratti akkaan fudhatama argateera.
Dhimmoota sadarkaa addunyaatti falmisiisoo ta'an irratti yaada kennuurraas duubatti hin jedhan.
Du'a wellisaa beekamaa Maayikil Jaaksan fi achi buuteen dhabamuu xiyyaara Maaleezhiyaa dursanii raaganii akka turan TB Jooshuwaa himaniiru.
Waa'ee Maayikil Jaaksan ilaalchisee Jooshuwaan wayita hordoftoota isaaniitti himan: ''Hojii irratti bobba'ee jiru keessatti beekamtii nama argatedha. Bakka kamittuu beekamaadha. Baay'ee beekamaadha.
Nama collee ta'e kanarratti taateen wayii akka uumamu natti mul'ata, kunis gara iddoo deebi'uun hin jirreetti akka deemu natti mul'ata. Imalli kun yoom akka ta'e hin beeku,'' jedhanii turan.
Erga du'i Maayikil jaaksan dhagahamee booda TB Jooshuwaan wanti isaan ji'a ja'a dura dubbatan waa'ee weellisaa kanaa ta'uu himan.
Kanneen TB Jooshuwaa qeeqan ammoo raagi kun sirrii fi kallattiin kan himame miti, gara fedhan akkaataa dabsuu danda'aniin yaadaniitu dubbatu jechuun odeessaa turan.

Tamsaasa TV
Manni Amantii TB Jooshuwaa hundeessan, TV hordoftoota hedduu qabu Emmanuel TV jedhamu qaba.
Chaanaalii YouTube kan hordoftoota miiliyoonaan lakkaa'amu of jalaa qabus akkasumas akkaawuntii Feesbuukii kan namoonni hedduun hordofanis qabu turan.
Miidiyaalee kunneenitti fayyadamuun lallabawwan, raajiiwwan fi dhuga ba'umsa garaagaraa tamsaasu.
Gama kanaanis hordoftoota lakkoofsaan hedduu ta'an horataniiru.
Dureewwan biyyaa dabalatee namoonni bebbeekamoon isa jala deemu.
Gameessi siyaasaa Afriikaa Kibbaa Juuliyas Maaleemaa, Pirezidaantiin duraanii Maalii Jooyis Baandaa fi Pirezidaantiin duraanii Gaanaa Joon Ataa Miilsi namoota siyaasaa karaa mana amantii TB Jooshuwaa beekamnii fi dhiibbaa guddaa uumuu danda'aniidha.
Hojiiwwan tola-ooltummaa
Hordoftoota isaanii biratti akka raajiitti kan ilaalaman TB Jooshuwaa hojiiwwan tola-ooltummaa hojjetaniinis beekamtii argataniiru.
Hojii gaarii hojjetaniin badhaasa guddaa biyyattii kan ta'e badhaasa ''Order of the Federal Republic (OFR)'' jedhamu pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa harkaa fudhataniiru.
Pirojektoota TB Jooshuwaa hojii tola-ooltummaa hojjetan keessaa wiirtuun leenjii kilaba kubbaa miilaa ''My People FC'' jedhamu isa ijoodha.
Giddugalli leenjii kun taphattoota Naayijeeriyaa waltajjii biyyoota Awuurooppaa garaagaraa irratti beekaman hedduu baaseera.
Miidiyaaleerraa ittifamuu
TB Jooshuwaa ji'oota muraasa dura haasaa jibbiinsaan walqabatee komiin irratti ka'eera jedhamuun akkaawuntiin YouTube isaanii wayita ugguramu, feesbuukiin ammoo viidiyoosaanii tokko haqeera.
Komii kana kan dhiyeesse dhaaba walabaa mirga dhala namaaf falmu tokko yoo ta'u, innis viidiyoowwan TB Jooshuwaa hanga ammaatti gadi dhiisan torba erga qoratee booda, viidiyoon hunduu rakkoo akka qabanii fi miidhaa saalaa dhala namaarraan kan ga'an ta'uu adda baaseera jechuun himate.
Feesbuukiinis wayita namni lallabaa amantii ta'e kun dubartii tokko keessa ''afuura ifatamaa'' baasuuf jecha kaballaadhaan miidhaa irraan ga'u erga argee booda haqeera.
Hordoftoota miiliyoona 1.8 YouTube iraa kan qabu TB Jooshuwaa murteen YouTube sirrii akka hin taane eeruun komiisaanii dhiyeeffatanii turan.














