Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Toorri qunnamtii Doonaald Tiraamp addatti banatan jalaa cufame
Toorri qunnamtii Doonaald Tiraamp banatan guutummaatti jalaa cufamuusaa dubbi himaan isaanii miidiyaa CNBCtti himan.
Gorsaan Tiraamp Jesan Miilar ‘’tattaffii bal’aa goonufi hojjataa jirru irratti gargaarsa dabalataa ture,'' jedhan.
Toorri qunnamtii Tiraamp moggaasa ’’From the Desk of Donald J Trump’’ ykn Minjaala Doonaald J Tiraampirraa jedhu qabu kun ji’a darbe keessa kan gadhiifame wayita ta’u, karaa qabiyyee dhuunfaasaanii viidiyoofi odeeffannoodhaan dhimma barbaadanirratti xiyyeeffachuun dhaamsa dabarfatan ture.
Hokkora Kaappitaal Hiiilitti dhalate hordofee Tiraamp toora Feesbuukiifi Tiwitaraa maxxansuu jaalatanirra ugguramanii turan.
Tiraamp marsariitii pirezidantii duraanirra ni qabu ture, amma garuu guutummaatti jalaa haqameera.
Dubbi himaan Pirezedantichaa Aab Milar toora Tiwitaraa gubbaatti akka mirkaneessanitti, Tiraamp miidiyaa hawaasaa duraan dhiisanitti deebi’uuf jiru, yoomifi akkamitti akka miidiyaa hawaasaatti deebi’an garuu ammaaf ifa miti.
Marsariitiin Tiraamp itti gargaaramaa turan sun akka biloogitti ilaalama ture.
Kana malees, namoonni toora sana ilaalan Feesbuukiifi Tiwitaraaa gubbaatti akka qoodaniif kan eeyyamu ture.
Hidhatni marsariiticha yeroo ammaa kanatti daawwattoonniykn hordoftoonnisaanii dursa akka galmaa’an jajjabeessa.
Bitootessa darbe Aab Milar’’Pirezedanti Tiraamp miidiyaa hawaasaatti tarii ji’a lamaa ykn sadii hin caalle keessatti toora qunnamtii dhuunfasaaniitiin deebi’u malu’’jedhee ture.
Tiraamp toora qunnamtii dhuunfaa akka qabaatan jalqaba bara kanaarraa eegalee haasa’amaa ture, taatullee toorri quunamtii isaanii maal akka fakkaatu ifa hin turre.
Namoonni muraasni ‘Desk of Donald J. Trump’ toora quunnamtii Tiraamp akka banamu akeekan ta’u hin hafne jedhanii yaadu ture, dubbi himaan isaanii Miilar garuu Caamsaa keessa akka mirkaneessetti, isa namoonni yaadan sana miti jedheera.
Tiraamp fi Tiwitaraa maxxansuu jaalatan
Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp hordoftoota isaanii miidiyaa hawaasaan hordofan wajjin haasa’u jaalatu ture.
Marsariitii Tiraamp Amajjirraa qabaniii ittiin hordoftoota isaa wajjin kallatiin walqunnamaa turan garuu hanga Feesbuukii Tiwitarii, Instaagiraamii fi Yuutiyubiiirraa guutummaatti dhorkamanitti dhaga’amtii horataniin wal hin gitu.
Tiraamp nama Tiwitaraan haasa’u jaalatani, yeroo hedduu guyyaa keessaatti otoo waa hin maxxansiin hin oolan ture, yeroo tokko tokko halkanillee ni maxxansu. Tiraamp dhimmoota danuu kanneen akka; filannoo Ameerikaa bara 2020 , koronaavaayirasii fi waanta’’oduu kijibaati’’ jedhaniin irratti fa’aa otoo hin hafiin dhimmoota danuu hordoftootasaanii miliyoona 90tti dhiyaataniif maxxansaa turan.
Amma toora Tiwitaraarraa guutummaatti ugguramaniiru.
Boordiin Feesbuukiis dhimmasaanii ilaalee tibbana murtoo kan dabarse yoo ta’u, Feesbuukiin ji’oota ja’a keessatti dhimmicha irra deebi’e akka sakatta’u ajajeera.
Yuutiyuubiin gamasaatiin akkawuuntii Tiraamp deebi’ee kan banamu sodaan’’hokkora qabatamaan mul’atee’ wayita hir’atu’’ jedheera.