Kilabiin tapha Golfii Tiraamp dorgommii keessaa haqame

Maxxanfame

Kutaa Bedminister keessatti kan argamu kilabiin tapha golfii Tiraamp, 'Tiraamp Naashinaal' dorgommii chaampiyoonaa bara 2022 keessaa haqame.

Kilabicha hirmaachisuun rakkoo xaxaa fiduu waan danda'uuf keessaa haqne jedhu qindeessitoonni.

Waldaan taphattoota Golfii Ameerikaa(PGA) Dilbata kaleessaa ture kan waliigaltee Tiraamp Naashinaal waliin qabu haqe.

Abbaan qabeenyaa kilaba Tiraamp Naashinaal, Doonaald Tiraamp erga hookkara Roobii darbeetii warra dimokiraatotaa fi rippaablikaanota haga tokkoon himatamaa jiru.

Bakka bu'aan Tiraamp Naashinaal murtee darbeen baayyee mufachuu ibse.

Pirezidaantiin Waldaa Taphattoota Golfii Ameerikaa(PGA) Jim Richerson,''Dorgommii chaampiyoonaa tapha golfii iddoo quubsuma Tiraamp Naashinaal ta'e Bedminister keessatti qopheessuun waldaa kanaaf balaa guddaadha. Sagantaa hedduu PGA'n qabatee dhiyaatu dabarsuufis danqaa guddaatu uumamuu mala. Galma keenya ganamaas ni faallessa'' jedhan.

''Murteen kun PGA'n akka itti fufuuf akkasumas taphattoonni pirofeeshinaalaa dandeettiisaaniin dursuu akka itti fufanii fi PGA'n waggoota itti aananiif akka guddataa deemu gochuuf kan darbeedha''

Kilabiin Tiraamp Naashinaal kan Bulchiinsa Niwujersii keessatti argamu kun kilaboota tapha golfii bebbeekamoo addunyaa keessaa isa tokko.

Kilabiin kun silaa bara 2022 ji'a Caamsaa keessa dorgommicha dirree isaarratti qopheessuuf ture.

PGA'n yeroo ammaa qaama bakka kan Tiraamp bu'ee sirna kana qopheessu barbaadaa jira.

Bakka bu'aan Tiraamp Naashinaal PGA waliin hariiroo gaariirra akka turan himan, kunis waliigaltee mallattaa'erratti kan hundaa'e waan ta'eef mirga haquu hin qaban jedhan.

Yeroo aangoosaanii ganna afurii goolabaa kan jiran Pirezidaant Doonaald Tiraamp, gara dhumaa kanarratti qormaati itti heddummaateera.

Roobii darbe hookkarri dimokiraasii Ameerikaan ittiin dhaadattu akkaan qore erga dhalatee booda, Aab Tiraamp miidiyaa hawaasummaa mara irraa waan ugguramaniif karaa afuura baafatanillee dhabaniiru.

Kana qofaas miti, dimokiraatonni Waayit Haawus keessaa isaan baasuuf cichanii hojjechaa jiru.

Afa-yaa'iin mana maree US Naansii Peloosii, osoo adeemsi pirezidaantichi buqqisuuyyuu hin eegalamanin dura Waayit Haawus keessaa akka gaggeeffaman seera baastota waliin irratti walta'aniiru.