Maaraatoonii 100km Chaayinaatti: Sababa haala qilleensaa hamaatiin namoonni fiigaa turan 21 du'an

Maxxanfame

Kaaba-lixa Chaayinaatti dorgommii fiigichaa gaara irratti gaggeeffame irratti haala qilleensaa rakkisaa uumamee tureen yoo xiqqaate namoonni 21 du'uun isaanii dhaga'ame.

Sambata darbe kutaa bulchiinsa Chaayinaa Gaansuu jedhamuufi bakka hawwata turistii 'Yeloo Riivar Istoon Forest' jedhamutti ture balaan kun kan qaqqabe.

Bubbee hamaafi rooba cimaa bakka sanatti dhalateen namoonni dorgommii fiigicha dheerina km100 irratti hirmaachaa turan baayyee akka miidhaman miidiyaaleen biyya Chaayinaa gabaasaniiru.

Burqaan oduu Chaayinaa Zhiinuwaa akka gabaasetti fiigichaa kana irratti namoota hirmaatan keessaa 172 kan ta'an achi buuteen isaanii dhabamuu hordofees dorgommichi adaan citeera.

Reeffi namoota balaa qaqqabe kanaan lubbuu dhabanii barbaacha hojjettoota lubbuu baraaraniin Dilbata argamuu danda'eera.

Akka gabaasa Zhiinuwaa kanatti, qorri halkan naannawaa gaarreewwan sanaatti uumamee tures barbaacha namoota achi buuteen isaanii dhabamee rakkisaa taasiseera.

Namoota dorgommii fiigichaa kanarratti osoo hirmaatanii miidhaman kanneen barbaaduudhaaf baraartonni 1,200 gara sanatti bobba'aniiru.

Aanga'oonni akka himanitti dorgomtoonni fiigichaa 151 ta'an lubbuun akka jiraatan kan mirkanaa'e yoo ta'u, isaan keessaa saddet ammoo miidhaan irra gaheera.

Bakka gaarreen itti heddummaatu kanatti magaalaan argamtu Baayin jedhamtutti kantiibaa kan ta'an Zhaang Zhuuchin haala balaa sanaa qorachuuf gareen tokko ijaaramuu himan.

'Yeloo Riivar Istoon Forest' kun lafa bal'ina Iskuweer Kiiloomeetirii 50 kan qabu yoo ta'u, gaarreen kattaa dhakaa haala walxaxaa ta'een walitti hidhatee ajaa'ibaa qaba.