Iraan: Yoo xinnaate namoonni 10 diilallaafi sololaa'u cabbiin du'an

Maxxanfame

Namoota biyya Iraan gaara kaaba Teeraaniitti argamu bahaa turan keessaa yoo xinnaate namoonni 10 diilallaafi sololaachuu cabbiin du'uusaanii qondaaltoonni beeksisan.

Gaarrii Alboorz kan magaalaa guddoo biyyatti Tehraaniitti argamu namoota gaara bahan biratti beekamaadha. Haa ta'u malee, guyyoota muraasa darbaniitti haalli qillensaa hinbaramne mudate.

Dhaabbanni baatii diimaa gareewwan 20 bobbaasuun namoota gaara bahaa turan 14 baraaraniiru. Haata'u malee torba kan ta'an ammalleen eessa buteen saanii hinbaramne.

Opereshiiniin barbaachaa halkan adda cite Dilbata har'aa ganama akka itti fufu eegama.

Namoota balaa kanaan du'an keessaa rogeessa siyaasaa, oggeessota akaadaamii, doktaraa fi barsiiftoonni isporteessitoota gaara bahanii keessatti argamu jedhameera.

Guyyaa Jimaataas yeroo muraasaaf wayita konkolaataan cabeetti namoonni 100 ta'an fiixee gaara ol fagoo gubbaatti danqamanii ture.

Haata'u malee akeekkachiifni duraa akka haalli qilleensaa hamaafi cabbiin jiraatu maluu himu dabarfamee ture.

Namoonni midiyaa hawaasaa fayyadaman tokko tokkoos, dogongorri sirna GPS kan namoonni gaara bahan irratti bu'uurreeffatan akka hinturre gabaasa.

Haata'u malee dhuguma diilalaafi sololaachuu cabbiitiin qabamuun ykn dogongora GPS kan miidhaman ta'un ammatti ifa miti.