El Salvaador: Dallaa qondaala poolisii duraanii keessatti reeffi namoota 24 argame

Madda suuraa, Reuters
Reeffi yoo xiqqaate kan namoota 24 ta'u qe'ee qondaala poolisii duraanii El Salvaadooritti argame.
Bakki owwaalchi itti raawwate hanga reeffa namoota 40 qabachuu mala jedhameera. Gara caalu dubartoota yookiin shamarranii jedhan qondaaltonni. Lafaa qotanii baasuunuu ji'a tokko fudhachuu mala jedhame.
Wanti argame waggoota kudhanii oliif garee iccitiidhaan ajjeechaa raawwatu ifa taasisa jedhee akka amanu poolisiin ibseera.
Biyyoota Laatin Ameerikaa keessaa El Salvaador biyya dubartoonni sababa dubartii ta'anif dhiirotaan baay'inaan ajjeefaman keessaati.
Hugo Ernestoo Osoriwoo Chaavez , ganna 51, baatii kana dubartii ganna 57 fi intala haadha kanaa ganna 26 taate ajjeesuun Chaalchuwaappaatti to'atamaniiru.
Qondaalli duraanii kana dura yakka saalqunnamtiin qoratamani turan dubartoota lamaan ajjeesuu isaanii amananiiru.
Yeroo gareen qorattootaa magaalaa guddoo biyyattii Saan Salvaador irraa 78km fagaattee argamtu qoratan boollawwan torba namni itti awwaalame argatani. Kanneen keessaa kan waggaa lama dura awwaalamanis jiru.
Wanti argame kuni gareen ajjeechaa raawwatuufi waggootaaf ture jiraachu ni akeeka jedhan.
Yoo xiqqaate namoonni 10 fuula seeraatti dhihaatu.
Kanneen shakkiin to'ataman keessaa poolisii duraanii, loltoota duraaniifi kanneen namoota daddabarsan keessatti argamu jedhan Daarektarri poolisii biyyaalessaa El Salvaador Arriyazaa Chikaas gaazexaa La Prensa'tti yoo dubbatan.
Tarii qondaalli poolisii duraanii to'ataman waggootaaf ajjeesuu hin oolle jechuun himataniiru.

Madda suuraa, Reuters
''Kanneen ajjeefaman miidiyaa hawaasummaa irraa argatee akka isaan kiyyeesse nutti himeera,'' jechuun Arriyazaan dubbachuu isaanii AP'n gabaaseera.
Abbootiin alangee akka jedhanitti kanneen ajjeefaman shamarran ganna sagal, torba akkasumas waggaa lama fa'i akka ta'an AP'n gabaase.
Akka gabaasa Rooyitarsitti yaada shakkamaas ta'e abukaatoo poolisichaa argachuun hin danda'amne.
Namoonni hedduu kanneen reeffi isaanii argame keessaa maatiin isaanii yoo jiraatan jedhanii shakkan mana poolisiin ala walitti qabamaniiru.
Qorattoonni uffata adii uffatanimmoo reeffa lafa keessaa qotanii baasutti jiru.
Waggaa darbe El Salvaador du'a dubartota 70 galmeessiteetti. Isa dura bara 2019 immoo dubartoonni 111 ajjeefamu poolisiin ibseera.
Haleellaan dubartootarratti raawwatu keessumaa yeroo weerara koronaavaayirasii hammaachuu dhaabileen deeggarsa taasisan ni himu.
Akka UN'tti guyyaatti dubartoonni 12 Laatin Ameerikaatti sababa dubartii ta'anif [femicide] ajjeefamu.













