Abbaan alangee dhaabbata Tiraamp yakkaan qorataa jira

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan alangee Niiw Yoork dhaabbata Tiraamp irratti qorannoo yakkaa taasisaan jira jedhe.
Dubbii himtuun abbaa alangee olaanaa, Leetiitaa Jeems qoarannoo kana booda geggeessinu ‘kan seera siviilii ilaalamu mitii’ jedhan.
Dubbii himtuun kun maddi faayinaansii Tiraamp otoo isaan gara aangootti hin dhifiin qoratamuu jalqabe jedhan.
Tiraamp yakka dalaguu yoo haalan ijaa bahumsa warra demookiraatotaan narratti raawwataamaa jiru dhaa jedhan.
Dubbii himtuun Leetiitaa Jeems, Feeban Leevii gaafa Kibxataa akka BBCtti himanitti,’’qorannoon keenya dhaabbata Tiraamp kana boodaa seera siiviiliin osoo hin taane kan yakkaan ilaalama,’’ jechuun itti himuu BBCtti himaniiru.
‘’Yeroo ammaa dhaabbata Tiraamp irratti abbaa alangee Niiw Yoork waliin tahuun qorannoo yakkaa irratti geggeessaa jirra, yaada dabalataa garuu hin qabnu,’’ jedhan.
Ibsa kanaan maaliif qorannoo kuni kan siiviilii irraa gara yakkaattii akka geeddarame waan himame hin jiru,pireezidantiin duraanii kana irratti himannaan jira yoo tahes hin ibsamne.
Leetiitaan dhaabbata Tiraamp irratti 2019tti qorannoo kan jalqaban yoo tahu, Tiraamp baankii irraa yeroo liqii gaafatan gatii qabeenya isaanii olkaasuu,yeroo gibira beeksisan garuu gadi-buusu jedhan.
Waajirii isaanii dhaabota Tiraamp afur Niiw Yoork,Chikaagoofi Loos Enjiles jiran irratti qorannoo baneef ragaa gaafachaa jira jedhan.
Abbaan alangee Niiw Yoork Saayiras Vaans sanadni waajjirri isaanii Hagayya darbe qorachaa ture,’’dhaabbatni Tiraamp yakka akka dalage akeekaa,’’ jedhan.
Sanadni abbaa alangee kanaa dhaabbaticha ishuuraansii baankii waliin dhahuunis shakkeera.
Kana malees abbaan alangee galmeen faayinaansii Tiraamp dubartoota isa waliin hariiroo qabna jedhan lamaaf qarshii kenname haqee sobaan waan galmaa’e yoo jiraate ni qorata.
Baatii Guraandhalaa keessa gabaasa gibiraa Tiraamp wal’aansoo seeraa dheeraa booda argachuu abbaan alangee himeera.














