Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyi odolaa Saamo’aa yeroo duraaf ministira mummee dubartii argachuuf
Saamoo’aan biyya odolaa garba Paasfiik irra argamtu yoo taatu, ministira mummee dubartii qabaachuuf qophiirra jirti.
Biyyi uummata 200,000 qabdu gaafa Wiixataa, wal-morkii siyaasaafi gaaffii filannoon irraa haa deebi’amuu dheeraan booda, manni murtii waliigalaa biyyattii injifannoo filannoo baatii Eblaa Fiame Naomi Mata’afa raggaasiseera.
Dubartiin kuni biyyattii bara 1998 irraa qabee kan bulchaniifi waggootii dheeraaf ministira mummee tahuun addunyaarraa sadarkaa lammataarra kan jiran Tuilaepa Sailele Malielegaoi aangoo gadhiisisteetti.
Warreen siyaasaa dhimma kana taajjaban raafamni kun biyyattiif bara deemookiraasii fiduufi jedhan.
Filannoon demookiraataawaa Saamo’aatti waan haaraa miti, oduu addunyaan irraa haasa’u tahuun garuu kan barame miti.
Waggoota 40 darbaniif paartiin filannoo mo’achaa ture paartii tokko qofa, Human Rights Protection Party (HRPP), isa jedhamu dha.
Waggoota kana hundaaf Tuilaepa Sailele Malielegaoi immoo dhaabbataadhaan biyyattii geggeessaa turan.
Haa tahu malee sirni sun bara darbe jijjiirama godhachuu jalqabe – kanaaf mallattoon gaariin immoo miseensonni baayyee HRPP paartii mormituu ijaaruu jalqabuu isaaniiti.
Fiyaamee Naa’oomiin paartii mormituu haaraa Fa'atuatua i le Atua Samoa ua Tasi (FAST)dhaaf dura buutummaan hojjechuu jalqabde.
Bara 1980 irraa qabee hirmaannaa siyaasaa kan qabdu nama ganna 64 yoo taatu, ministira mummee itti aantuu Poolineeshiyaa kan turte hooggansa mootummaa irratti hojjechuun dubartii ishee lammataati.
Dubartiin kuni intala ministira mummee biyyattii jalqabaa taatus garuu, milkaa’inni siyaasaa ishee waan abbaasheerraa dhaalte waan darbu dha.
Boqonnaa haaraa Saamo’aaf
''Fiyaameen dubartii jabduu namuu akka fakkaeenyaatti ishee fudhatudha,'' jechuun taajjabaan adeemsa siyaasaa biyyattii Saapiir Maayroon BBCtti hime.
''Nama qajeelfamaa yoo taatu kabaja siyaasaa bade deebistee ni fiddi jedhamtee eegamti,’’ jedha.
Keeriin Beekar, Yunivarsiitii Biyyaalessaa Awustiraaliyaatti ogeettii dhimma biyyoota Paasifiik yoo taatu ‘’Fiyaameen filamuun Saamo’aadhaaf bu’uura barbaachisaa dha,’’ jettee jirti.
Saamo’aatti dubartii kabajamtuu turte amma immoo danqaa guddaa cabsite jette.