Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni waaqeffannaa Naayijeeriyaa tokko 'shittoo afuuraa' dhorkite
Naayijeeriyaatti manneen waaqeffannaa guguddoo ta’an keessaa tokko kan ta’e ‘Celestial Church of Christ’ keessatti namni kadhannaarra jiru tokko shittoon dungoo (shaamaatti) biifame balaa abiddaa mudateen gubatee erga du’ee booda akeekkachiisni kun kan kenname.
Mana waaqeffannaa Lixa Naayijeeriyaatti beekamaa ta’eefi dameewwan hedduus kutaalee biyyattii garagaraafi biyyoota alaa keessatti qabu kana keessatti, miseensonni uffata adii uffachuun miila duwwaa ta’uun kadhannaa geggeessu.
Wayita balaan abiddaa kun mudatetti, Kaayootee Badruun sagantaa isaaf qofa qophaa’e irratti dungoon hedduun qabsiifamee kadhannaa taasisaa ture.
Jaarroliin mana waaqeffannaa sanaa Abba Badruuf osoo kadhachaa jiranii, lubni saganticha dursan shittoo wayita itti biifan shaamaa dhiyeenya jirurraa abiddi qabate.
Abba Badruu battalumatti laboobni abiddaa gubeeni, yeroo sanattis uffata adii meeshaalee kan akka jirbii yookaan ‘harrii’ irraa hojjetamuufi abiddaan dafanii gubatan kaawwatee ture.
Gaafa Kamisaas hoospitaala gubaatii abidda kanaan irra ga’eef wal’aanamaa bakka jirutti lubbuun dabarte.
Paastariin gameessi mana waaqeffannaa sanii Imoolemitaan Ojoo akka jedhanitti, lubni srna kadhannaa sana dursaa turaniifi jaarroliin achitti argaman muraasni to’annoo poolisii jala jiru.
Sirnoota kadhannaa mana waaqeffannaa sana keessatti raawwataman hedduu irratti dungoon hedduun kan qabsiifamu yoo ta’u, fakkeenyummaa ifaafi afuura gaarii qaba.
Miseensonni shittoo mataasaanii qabatanii kan deeman yoo ta’u, kan fedhan garuu mana waaqeffannaa sana keessaa bitachuu danda’u.
Shittoon yoo biifamu akka malee akka hin taaneefi yoo danda’ame bishaaniin akka makamu kan gorfamu yoo ta’u, kan Abba Badruu irratti kun taasifamuusaa wanti beekame hin jiru.
Ibsi mana waaqeffannaa sanarraa ba’e akkas jedha "shittoon afuuraa wayita naannoo dungoon jirutti biifamu, dibatamu yookaan gadi naqamu, bishaaniin makachuu qaba."
"Shittoo bishaaniin hin makanneefi dandeettii abiddaan qabachuu guutuu waliin biifuun aadaa mana waaqeffannaa kanaa kan hin taaneefi dhiyee kan dhufedha’’ jedheera. Ibsichi, dabalataan.
Abba Badruun sooressa lammii Naayijeeriyaa Dubaayi keessa jiraatuufi miseensa mana waaqeffannaa kanaa kan ture yoo ta’u, sagantaa galataa hordofuuf argame.
Gabaasni biraan akka jedhutti, eebba namoota 40 akkaadaamii teeknooloojii keessatti baasii isaatiin baratan irratti argamuuf Naayijeeriyaa deeme.
Bara 1947 Luba Saamu’eel Bileehuu Oshoofaadhaan Beeniin, Poortoo-Noovoo keessatti kan hundaa’e ‘Celestial Church of Christ’, addunyaa guutuurra dame akka qabu ibsa.