Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaadannoo qulqulleessituun aariidhaan barreesitee hojii gadhiiste deeggarsa guddaa argamsiiseef
Yaadannoo qulqulleessituun aariidhaan hoogganaa isheetiif barreesitee hojii gadhiiste Tiwiitera irratti ijoo dubbii guddaa tahuun namoonni waliif qoodaa jiru.
Juuliyaa Koozins waggoota 35'f dhaabbata HSBC jedhamu keessa erga hojii qulqulleessummaan hojjetaa turtee booda guyyaa Jimaata darbe hojii gadhiisuu ishee ilmi ishee Jooy himeera.
Yaadannoo ishee irratti maanguddoon waggaa 67 tun hojicha kan gadhiiste sababa hoogganaan ishee waajjira keessatti ''ifataniin'' booda tahuu himte.
HSBC ammoo dhimma dhuunfaa irratti yaada kennu akka hindandeenye garuu maaltu akka tahe hubachuuf hojjechaa jiraachuu BBCtti hime.
Aadde Kaazinsi haalli isheen itti qabamtu ''hamaafi gara jabina qofaan'' tahuu himte.
''Gara fuulduraatti yeroo deemtan, adaraa hundi keessan yaadadhaa - Adunyaa kana keessatti waan feete tahuu dandeessa, garuu gaarii ta'aa, sababni isaas hundi keessan iyyuu qulqulleessituun ol waan hintaaneef,'' jette.
'hThe Mail Online' akka himtetti amma soorama bahaa kan jirtu yoo tahu, namni gariin ammoo hojii qulqulleessuu xiqqaa'' jechuun yaada taha. Isheen ammoo waggoota shaniif yeroo HSBC keessa hojjechaa turte irra caalaa kanuma irratti hirkattee ture.
Kaazinsi qulqulleesitoonni bakka hojiitti hojjettoota kaaniin ''dagatamaniiru'' jechuun cimsitee himte.
Itti dabaluun erga hogganaa ishee waliin walitti buutee bakkicha gadhiisuuf akka murteesiteefi namoota isheef mijatan waliin hojjechuu akka barbaaddu himte.
Ilmi ishee yaadannoo hojii gadhiisuu ishee Tiwiitera irratti qoodnaan miidyaa hawwaasaa irratti dubbii ijoo guddaa tahuun namoonni 3,000 tahan yaada irratti kennaniiru.
Fayyadamtoonni miidiyaa baay'een maatiin isaanii, ijoollee fi waayillan hojii isaanii qulqulleessummaan, eegumsa, bakka simannaa irra hojjetan hojjettoota kaan irraa kunuunsa ykn ilaalcha sirrii hinargatan jedhan.
"Yeroon namoota hojiif gaaffiifi deebii godhuuf, nama dorgomu sanaan akkamitti kunuunfamtan ykn ilaalamtan jedheen gaafadha. Baay'een isaanii ''qormaata ilaalchaa''[attitude test] ni kufuu jedhe Tiim, namni abbaa qabeenyaa fi injiinera Midlaand Lixaa irraa soorama kan bahe.
Qulqulleesituu kan taaate Tireesii Sadiler yaadannoo Kaazin barreessite ''jaaladheera'' jette.
''Ani hojii yeroo dabalataa sadiinan qulqulleesituudha. Yeroo tokko tokko namoonni sitti hammaatu,'' jette Tiwiitera irratti.
''Nuyi qulqulleesitoonni adunyaa kana fi gamoo isaanii hundaa, suuqotaa fi mana jireenyaa isaanii qulqulluu goonee qabneef- Qulqulleesitootnis ni barbaachisu.''
Fayyadamtoonni baay'een qulqullesitootaa fi hojjettota kaan waliin dubbachuun barbaachisa. Gadi buusuu osoo hin taane akka waayillan hojii isaanii tahanitti ilaaluu qabu jedhan.
Akkas gochuun bakka hojii gaarii uuma, inumaayyuu biiroo hojii keessatti hojjetan jiraachuu qaba jedhan.
Barreessaan waliigalaa Kongireensiin Tokkummaa Daldaltootaa Firaansis O Giraadii BBCtti akka himetti, ''Qulqulleesitoonni yeroo weeraraa kanatti bakka hojii qulqulleessuun, bakka uummanni oolu naga qabeessa gochuun isaanirra miidhaa geesisuu osoo danda'uu shoora ol aanaa bahaniiru'' jedhan.
Hojjechiftonni fi mootummaan hojii isaanii kanatti gatii gochuuf kana caalaa hojjechuu qabu." Kana malees kaffaltiin isaanii kanarra fooyya'uu qaba jette.