'Tekinoloojiitti gargaaramuun rakkoo fayyaa sammuu ijoollee wajjin hariiroo hin qabu' -Qorannoo

Maxxanfame

Qo'annoon Inistitiyuutiin Intarneetii Oksfoord gaggeeffame hariiroon teekonlojiitti gargaaramufi rakkoo dhibee sammuu giddu jiru''xiqqaa''ta'usaa akeeke.Qo'annichi ijoollee ol adeeman kanneen umriin isaanii ganna 10-15 gidduu jiru 43,000 olirratti gaggeeffame.

Inistitiyuutiin Intarneetii Oksfoord TV daawwachuu, miidiyaalee hawaasaafi meeshaalee teekinoloojiitti gargaaramuu fa’aan mukaa’uu, lubbuu ofii balleessuuf yaaluufi rakkoolee amalaa walqabatan walcinaa madaalchisaa ture.

Inistitiyuutiin kun mukaa’uufi miidiyaalee hawaaasaatti gargaaramuu, akkasuma TV daawwaachuu gidduu walitti hidhamiinsa xiqqaatu bara 1991-2019 gidduu ture jedhe.

Miidiyaa hawaasaatti fayyadamuufi miiraan dhimma walqabatu gidduu walitti hidhamiinsi jiru hamma xiqqaan dabaluu ibse.

Namoota gammadoo

Qorannicha barreessuurratti qooda olaanaa kan qaban Pirofessar Andirew Parzaybiliski’’garaagarummaa dhiibbaa miidiyaa hawaasaafi fayyummaa sammuu bara 2010 fi 2019 himuu hin dandeenyu,’’jedhan.

‘’Namoonni gammachuu qaban muraasni miidiyaa hawaasaatti kanneen gargaaramaniidha jechuu hin dandeenyu,’’jedhan.

‘’Nuti kan jenne walitti hidhamiinsi giddusaanii cimaan hin jiru,’’

‘Fayyaa dhabuu’

Namoonni qorannicharratti hirmaatan Ameerikaafi UK keessatti miirasaanii akka madaalan gaaffilee jijjiruun gaafatamaniiru.

Kanneen qorannicharratti hirmaatan yeroo hangamiif akka miidiyaa hawaasa fayyadaman gaafatamaniiru.

Waraqaan qorannoo kun sana booda barruu’Clinical Psychological Science’ jedhamurratti maxxanfameera.

Amajjii bara 2021 qorannoo bahe tokko ijoolleen ol adeeman miidiyaa hawaasatti gargaaramuun isaanii fayya dhabuufi dhimma ofitti amanamummaa isaanii wajjin akka wal qabatu akeeka ture.

Weerarri koronaavaayirasii dhimmoota biroo fayyaa sammuu dargaggoota miidhan keessatti ramadameera.

Mootummaan UK tajaajila fayyaa sammuu cimsuuf investiimentii Paawundii miliyoona 500 baasu ifoomse, kana keessaa Paawundiin miliyoona 79 tajaajila fayyaa sammuu daa’immanii fi dargaggootarratti xiyyeeffatu.