Covid-19: Lammiileen Awustiraaliyaa Indiyaarraa gara biyyaa deebi’an hidhaa bu’uu malu

Maxxanfame

Mootummaan Awustiraaliyaa imala Indiyaarraa garasitti taasifamu yeroof seer-malee ta’uu erga labsee booda, lammiileen achii biyyatti deebi’an hidhaa waggaa shaniifi adabbiin biraas isaan eeggachuu mala jedhame.

Akka Ministeerri Fayyaa biyyattii jedhutti, murteen kun kan dabarfame ‘‘lakkoofsa namoota Indiyaarraa yoo deebi’an vaayirasichaan qabamanii adda of-baasanii jiran bu’uura godhachuudhaani’’.

Jalqaba torbee kanarra Awustiraaliyaan balallii Indiyaarraa taasifamu hunda dhorkitee jirti.

Lammiileen Awustiraaliyaa 9,000 ta’an Indiyaa keessa akka jiran yoo tilmaamamu, isaan keessa 600 kan ta’an saaxilamoo jedhamuun adda baafamaniiru.

Dooktarri tokko TV Awustiraaliyaaf yaada kenneen akka jedhutti, tarkaanfiin mootummaan fudhate, balaa namoota Indiyaarraa deebi’an irra ga’uuf malu waliin wal hin madaalu.

"Maatiin keenya bahaar-gama, Indiyaa keessatti du’aa jiru… karaa ittiin deebi’an tokko qabaachuu dhabuun waan dabaati, gatamuu jechuudha,’’ jedhe dhimma fayyaa irratti yaada kan kennu Dr Viyoom Shaarmar.

Wiixatarraa kaasee, namoonni guyyaa biyyatti deebi’uuf jedhanirraa guyyoota 14 dura Indiyaa turan hundi akka biyyattiitti hin seenne dhorkamu.

Seera haaraa kana kabaju hafuun, hidhaa ganna shanii yookaan adabbii doolaara Awustiraaliyaa 66,000 yookaan lamaaniin adabsiisuu mala. Murteen kun Caamsaa 15 irra deebiin kan ilaalamu ta’a, akka ministeerichi jedhetti.

"Mootummaan murtee akkasii salphaatti hin dabarsu," jedhani, Ministirri Fayyaa Abba Gireeg Hanti.

"Haata’u malee, siistamiin fayyaa hawaasaafi vaayirasii Covid-19’f adda of-baasuu eegamuu danda’uun waan laayyootti ilaallu miti, akkasumas lakkoofsi namoota adda of-baasanii jiranii akka humnaa ol hin taaneef to’achuunis nurraa eegama," jedhani.

Sarbama mirgootaa

Akka Gaazexeessaan BBC News Firaanses Maawoo Siidnii irraa gabaastetti.

Barreeffamni fuula jalqabaa paaspoortii Awustiraaliyaa hundarra jiru tokko jira. Bahaar-gama wayita jiranitti gargaarsi barbaachisu hundi lammiilee biyyattii hundaaf akka taasifamu kan gaafatudha.

‘‘Awustiraaliyaa irraa… kan dhimmi isaa ilaallatu hundi, lammii Awustiraaliyaa paaspoortii kana qabatee jiru hunda, osoo rakkinni yookaan danqaan irra hin ga’in akka darbu/darbitu, akkasumas bakka barbaachise hundatti tumsiifi eegumsi akka taasifamuuf gaafanna,’’ jedha.

Osoo kuni jiruu, lammiileen biyya ofiitti akka hin deebineef dhorkamu jedhee kan yaade eenyudha? Biyya ofii seenuufi jiraachuun mirga bu’uuraa lammummaan namaaf kennudha.

Biyyatti deebi’uun seera idil-addunyaatti fudhatama qabudha, Labsii Mirgoota Namoomaa Addunyaa irratti waan katabamee jirudha.

Lammiilee Awustiraaliyaa socho’uu dadhaban kunneen garuu, mana murtii Awustiraaliyaa keessatti seera UN jela jiruun falmachuu hin danda’ani. Mirgoonni lammummaafi bilisummaa ilaallatan biroonis heera isaanii keessatti eegumsa hin qabani.

Awustiraaliyaan biyyoota Lixaa muraasa heera mootummaa keessatti keewwata ifatti waa’ee mirgoota namoomaa himu hin qabne yookaan eegumsa hin taasifne keessaa tokkodha.

Kanaafuu, yeroo rakkoon isa mudatetti, mootummaan dhimma wayii lafaa fuudhee halkan tokkotti yakkadha jedhee murteessuu danda’a.

Jalqaba weerara vaayirasii kanaa irratti, mootummaan ministeera fayyaadhaaf angoo akka malee humna kennuuf paarlaamaa keessatti raggaasisee ture.

Kanaafidha, lammiileen balaa baqachuun biyya isaaniitti deebi’uuf yaadan hidhaa seenuu kan danda’aniif.

Dhorkii torbanoota lamaaf kaa’ame kana seeraan falmachuuf yeroo kan fudhatuufi maallaqa hedduu kan barbaadu waan ta’eef, diddaa fi mormii ummataa qofatu fala ta’uu mala.