Dargaggoo waajira poolisiitti ibidda qabsiise doolaara miiliyona 12 itti murteessan

Maxxanfame

Caamsaa darbe keessa ajjeechaa Joorji Filiyoodin walqabatee hiriiraa mormii Miniyaappoolisitti gaggeeffamaa ture irratti namichi waajjira poolisiitti ibidda qabsiise doolara miiliyoona 12 akka kaffaluuf ajajame.

Dilan Sheekispiir Roobinson, ganna 23, Muddee keessa yakka isaa kan amane yoo ta’u, adabbii maallaqaa kana dabalatee hidhaan waggaa afurii irratti murtaa’eera.

Abukaatoon Roobinsan “carraan itti dhugumaan” maamilli isaa adabbii kana itti kaffaluu danda’u hin jiru jedha.

Namootni biroo sadiis yakka kana raawwachuu isaanii kan amanan yoo ta’u, murteen isaanii guyyaa biraa beeksifama.

Wajjira poolisii kanarratti maaltu uumame?

Caamsaa bara darbe keessa, ajjeechaa Joorji Filiyoodin walqabatee hiriira mormii Miniyaappoolisitti gaggeeffame irratti namootni kumaatamaan lakka’aman hirmaataniiru.

Hiriira mormii kanaratti torban hedduuf magaalattii keessatti adeemsifame irratti saamichi, qabeenya gubuufi hokkorri mul’ateera.

Namoota hiriiricha irra turan keessaa tokko Roobinsan buccullee boba’aa qabutti ibidda qabsiisee Wajjira poolisii Miniyaapoolisiitti darbachuun gamoon kun akka gubatu gochuu isaa abbootiin alangaa himaniiru.

Viidiyoon waajjira poolisii kana keessa ture yeroo Roobinsan buccullee boba’aa qabu kan namni biraa qabatee ture kanatti yeroo ibidda qabsiisuun darbatu ni mul’isa.

“Roobinsan hiriira seera qabeessa irraa adda ba’ee hokkoraa fi qabeenya balleessu iratti hirmaachuu filate,” jechuun abbaan alangaa US Andirees Foolki ibsaniiru.

Ibiddi kun ''lubbuu namoota hedduu yaddoo keessa galchuun, seera dhabummaa Miniyaappolis keessa turetti dabaleera,” jedhan.

Yakka ibiddaan qabeenya balleessuu keessatti ga’ee qabaachuu isaa Roobinsan amaneera.

Namootni biroo sadii – Bitaayis Maaykel Wiiliyaams, ganna 27, Daavon Di-Andiree Tarnar, ganna 25 fi Biraanden Maaykel Woolf, gana 23- yakka wal fakkaataan himatamanii hirmaannaa isaanii amananiiru. Himata irratti dhiyaateef ammatti murteen irratti hin murtoofne.

Abukaatoon Roobinsan, kana namoota afran kana bakka bu’u, dargaggoon ganna 23 kun namoota kumaatama waggaa darbe hiriiricha irratti hirmaatan keessaa qofaatti haala wal qixxummaa hin qabneen adda baafameera jedha.

“Murtee namoota kumaatama hiriiricha irratti hirmaatan irratti murtaa’ee qofaa isaa baatee jira,” jechuun abukaatoon isaa Wiiliyaam Moozii Roobii New York Times’tti himeera. “Namootni hedduu biroon yakka Roobinsan irra hamaa ta’e raawwatan adda hin baafamne.”

Adabbiin maallaqaa kun akkamiin kaffalama?

Adabbii hidhaa ganna afurii irratti murtaa'e dabalataan, dargaggoon kun dolaara miiliyoona 12 yookis Birrii Itoophiyaa biiliyoona walakkaa ol akka baasuus itti murteessan.

Akka waajjirri Abbaa Alangaa US jedhutti, adabbiin kun karaa miindaa, herrega baankii, kaffaltii sooromaa, kaffaltii ji’aa mana murtiin murtaa’eefi mala adda addaan sassaabama.

Robinsan hanga isatti murtaa’e kana keessaa ''garmalee bicuu'' qofa kaffaluu danda’a jedha abukaatoon isaa Moozii, dabalataaniis himatamtoonni sadan biroon adabbii kana waliin kaffalu jedhee eegee akka ture hima.

Roobinsan adabbii maallaqaa kana akkamiin kaffaluu danda’a gaaffii jedhuuf waajjirri Abbaa Alangaa US deebii hin kennine.