Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Giiftiin warra Zuuluu MaantIfoombii Dlaaminii aangoo qabattee baatii tokkoon booda duute
Maatii mootii warra Zuuluu Afrikaa Kibbaa keessaa kan taate Giift Shiyiwee Maantifombii Dilaamiin aangoo qabatanii baatii tokkoon booda du'aan boqachuusaanii maatiin mootii Zuuluu kun beeksiiseera.
Kan umuriin waggaa 65 ta'e Giifi Maantifombii, ji'uma darbe kana ture giiftii warra Zuuluu ta'uun kan muudamte.
Muudamuun giiftittii kanaa abbaan warraashee Mootiin gosa Zuuluu Goodwiil Zweelitiin du'uu hordofeeti.
Zuuluun gosa guddaa Afrikaa Kibbaa keessa jirudha.
Ministirri Muummee Giiftittii akka jedhanitti duutii ishee maatii hedduu naasisee ''waan jedhan dhabaniiru.''
Ammatti eenyu ummata Zuuluu miliyoona 11 ta'u kana akka bulchuuf kan muudame hin jiru.
MM Maangosutuu Buteelezii, ''Maatiin Mootii waa'ee du'a Giiftii kabajamtuu Zuuluu Shiyiwee Maantifoombi Dilaamin gadda guddaa itti dhaga'ame ibsa," jechuun ibsa baasan.
Itti dabaluunis, ''Hawaasa Zuuluu biratti qaawwii aangoo akka hin jiraanne mirkaneessuun barbaada,'' jedhaniiru.
Giiftiin kun erga dhukkuba adda hin baane dhukkubsatteen booda torbaniin dura hospitaala galuu midiyaan Afriikaa Kibbaa gabaaseera.
Giiftittiin erga abbaan warraashee umuriin waggaa 72 boqotee Bitootessa 24, 2021 ture kan muudamte.
Mootichi ammoo dhibee fayyaa sukaaraan wal qabateen hospitaalaatti ture kan du'e.
Mootiin du'aan boqatanis biyyattii gara waggaa 50 kan bulchan yoo ta'u, kunis mootii Afriikaa bara dheeraaf aangoorra turan isaan taasiseera.
Giiftii Maantifombiin eenyuu?
Giiftiin Zuuluu Maantifombiin waan maatii mootii keessaa taateef haadhotii warraa mootichaa keessaa aangoo olaanaa qabachuu dandeessee turte.
Giiftiin kun obbooleettii mootii Eswaatiinii Miwaatii sadaffaati jedhama.
Giifti Maantifombiin ijoollee saddeet mootii Goodwiil Zweelitii waliin horataniiru.
Ilmiisaanii angafaa umuriinsaa waggaa 47 ta'e ilmi mootii Misuzuuluu aangoo fudhachuuf carraa akka qaban qabaafamaa jira.