Lola Tigiraay: Naannoo Godina Waag Himraatti haleellaa hidhattoota TPLFn raawwate jedhameen namoonni ajjeefaman

Waag-Himraa
Maxxanfame

Naannoo Amaaraa Godina Saba Waag Himraatti haleellaa tasaa hidhattoonni raawwataniin namoonni nagaan ajjeefamuufi qabeenyarras miidhaan ga’uu jiraattonniifi anga’aan naannichaa himan.

Haleellaa kanaan miidhaan namarra ga’e hagam ta’uu akka hin beekamne anga’aa paarti naannicha bulchuu kan ta’an Abba Kiroos Amaare kan himan yoo ta’u, jiraataan BBC’n dubbise garuu namoonni 16 du’uu himan.

Haleellaan kun kan raawwate daangaa Naannoo Tigraay fi Amaaraa kan ta’e godina Waag Himraa keessatti kan argamtu Aanaa Abargalee magaalaa Niiruwaaq keessattidha.

Hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Abargalee Obbo Kiroos akka jedhanitti, haleellaan kun kan raawwate Wiixata gaafa Bitootessa 18, 2013 ALI obboroo naannoo sa’aatii 11 irrattidha, haleellaa kanaanis lubbuun namoota nagaafi miseensota humna nageenyaa darbee jira.

Osoo lafti hin bari’in haleellaa eegale kana hordofuun qaamoleen lamaan walitti dhukaasuu jalqabanii hanga sa’aatii 8’tti sagaleen dhukaasaa dhaga’amaa turuu himan, hoogganaan kun.

Haleellaan kun kan raawwate hidhattoota TPLF’n ta’uu yoo dubbatan, ‘‘gara manneen jireenyaatti kan galan waan jiraniif, sakattaiinsi taasifamaa jiram,’’ jedhan.

Namni BBC’n dubbiseefi akka maqaan hin eeramne gaafatan akka jedhanitti, haleellaan kun Dilbata barii barraaqa sa’aatii 11:30 irraa kaasee kan eegale yoo ta’u, namoonni 16 ajjeefamuu dubbatu.

Haleellaa qabeenyas barbadeesseera jedhame kanaan, "Konkolaataawwan mootummaa afur, ambulaansii sadii, akkasumas konkolaataan dhuunfaa tokkos gubateera, akkasumas manni qorichaas saamameera," jedhan.

Akka namni waan ijaan argan BBC’tti himanitti ammoo, ‘‘konkolaattonni mootummaafi ambulaansiiwwan 5 bakka tokkotti iddoo dhaabatanitti boombiidhaan gubataniiru.’’

Bakkichatti humni addaa Naannoo Amaaraa jiraachuufi osoo balaan hamaan hin ga’in qolachuu kan himan Abba Kiroos Amaare, reeffi isaanii dafee waan ka’eef meeqa akka ta’an beekamuu baatus, hidhattoota TPLF haleellaa raawwatan keessaas hedduun ajjeefamaniiru jedhan.

Warri kana raawwate ergamni isaanii maal akka ta’e beekamuu baatus mana jireenyaa bulchitootaa gaafachaa maqaa qabachaa akka turan anga’aan kun himan.

Wixata darbe Dimtse Wayyaaneen dubbi hima Ittisa Tigiraay kan jedhe Gabree Gabretsaadiqaan eeruun akka gabaasetti, haleellaan kun kan irratti fuulleffate "Abirgellee keessa bakka Miraaq jedhamu humna addaa naannoo Amaaraa" buufatee jirurratti akka ta'eefi humna addaa sanas guutummaan guutuutti dhabamsiisuu ibsee ture.

Haata’u malee, hidhattoonni kunneen bulchitoota naannichaa barbaadan hin arganne. Namoota nagaa lamarratti garuu mana seenuun miidhaa geessisaniiru jedhan.

Abargaleen magaalaa naannoo Tigraayi waliin daangaarra jirtu yoo ta’u, ganda baadiyyaa Tigaraayi keessa jirurraa km7 qofa fagaattee argamti.

Akka jiraataan BBC’tti dubbatan jedhanitti, hidhattoonni sun garee sadiin qoodamuun magaalattiitti seenani.

‘‘Gama Bahaatiin karaa Tigraayiin daangeessuufi gama Lixaatiin karaa bataskaanaa irraan seenanii haleelan,’’ jedhan.

Akka namni kun jedhanitti, hidhattoonni kunneen raadiyoo qunnamtii qabatanii jiru.

‘‘Jalqaba kan aggaammatan anga’oota naannichaa yoo ta’u, hiriyaa dhiyoo bulchaa tokkoo nama ta’eefi dubartii ijoolleeshee waliin jirtu irratti mana seenuun miidhaa geessisaniiru’’ jedhan.

Humni addaa Amaaraa achi waan tureef lolli ka’uufi bulchitoonnis wayita sana mana isaanii waan hin turreef lubbuun hafuu dubbatan.

Jiraataan kun lakkoofsa beekuu baatanus milishaa naannichaa keessaas kan du’an jiraachuufi, hidhattoota TPLF keessaas hedduun ajjeefamuu, dabaluun ibsaniiru.

"Lola humna addaa Amaaraa waliin banameen miseensonni isaanii duraa ajjeefamuufi, jiraattonni naannichaa reeffa isaanii gara gammoojjiitti akka geessan hidhattootaan ajajaman, qe’eetti hin deebines,’’ jedhaniiru jiraataan kun.

‘‘Jiraattonni gammoojjii deeman kunneen eessa buuteen hin beekamu, warreen miliqanii dhufan akka jedhanitti, kuun ajjeefamaniiru jedhu,’’ jechuun, lakkoofsi namoota du’anii kan isaan jedhanii ol ta’uu mala jedhu.

Guyyaa sana hanga sa’aatii 5’tti dhukaasni cimaan akka tureefi, hidhattoonni kka gadhiisan taasifamuufi takka turee dhaabbachuu dubbatan.

Haleellaa sana boodas raayyaan ittisa biyyaa magaalaa Abargalee seenuu eeraniiru.

Haata’u malee, hidhattoonni raayyaan ittisa biyyaa Tigraayi bakka Finaarwaa jedhamurraa wayita dhufaa turetti karaa itti cufuun lolaa akka turaniifi, gaafa Roobii magaalattiitti seenuu dubbataniiru.

Nageenyi naannichaa iddootti deebi’us, jiraattonni ammallee yaaddoo qabu.

Hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa naanichaa akka jedhanitti, erga raayyaan ittisaa galee booda nagaa ta’uufi sana booda rakkoon mudates akka hin jirredha.

Godinuma kana Aanaa Tsaagbijii keessatti Bitootessa darbe haleellaa hidhattootaan raawwateen namoonni hedduun ajjeefamuufi hedduun madaa’uu niyaadatama.

Bulchaan aanichaa Abba Heenook Nagaash, haleellaa raawate sanaan lubbuun namoota 76 darbuun akka mirkanaa’e himuun, namoonni nagaa akka wareegaman ibsan.