Ilmi mootii Sa’udii Arabiyaa Iraan wajjin hariiroo gaarii uummachuu barbaanna jedhe

Madda suuraa, Reuters
Ilmi mootii Sa’udii Mohaammad bin Salmaan biyya wal morkataa turan Iraan wajjin ''hariiroo gaarii uummachuu feena'' jedhe.
Ilmi mootii Sa’udii televizhinii Al Arabiyaatti akka himetti, Sa’udiin biyyi Iraan badhaadhina Baha Giddugaleessaa fulduratti akka tarkaanfatu dhiibbaa akka uumtu barbaaddi.
Taatullee ‘’amala Iraan qixa sirriirraa dabe’ ’jedhanitti wal dhabbii qabaacha akka turan Mohaammad bin Salmaan hubachiiseera.
Ilmi mootii Sa’udii sagantaa gabbisa niwukilara Iraan, misaayelaa fi deeggarsa Iraan ’’hidhattoota seeraan alaaf’’ kennitu akka hin simanne eere.
Itti dabaluun, Sa’udiin rakkoolee uumamaniif fala barbaaduuf michuuwwaan idil-addunyaa fi naannoo wajjin hojjataa turtetti jedhe.
Yaadni ilmi mootii Sa’udii kan dhaga’ame qondaaltonni biyyoota lamaanii hariiroo gidduusaanii deebisanii haroomsuu akkaataa danda’aniirratti Iraaqitti icciitiin mariyachuu gabaasaaleen agarsiisan guyyoota muraasa dura bahuu hordofuun ture.
Maddeen Sa’udii garuu gabaasicha haalaniiru.
Ministirrii Dhimma Alaa Iraan garuu mariyachuu hin haalle ykn hin amannes, ‘’marii yeroo kamiyyuu taanaan ni simanna’’ jedhe.
Sa’ud Arabiyaan muslimoota Sunnii dura buutee akka hoggantutti of kan ilaaltu oggaa tahu, biyyi muslimmoonni Shihaa itti heddummatan Iraan immoo gamasheetiin naannichatti olaantummaa gonfachuuf Sa’udii wajjin qabsoo ganna kudhaniin lakka’aman gaafate keessa jirti.
Yeroo dhiyoon asitti morkiin biyyoota lamaan gidduu ture walwaraansa biyyoota biraa Baha Giddugaleessaatiin hammaatera.

Madda suuraa, Reuters
Waraana Yaman keessatti gaggeeffamaa turerratti gartuun tumsa biyyoota Arabaa Sunnii Sa’udiin durfamu mootummaa biyyattii deeggaraa ture.
Iraan gama isheetiin hidhattoota Huutii Iraanitti hidhata qaban bara 2015 irraa kaaste deeggaraa turte.
Iraan meeshaalee waraanaa hidhattoota Huutif seeraan ala kennuu ni haalti. Hidhattoonni Huutii garuu meeshaalee jajjaboo akka misaayilaa, diroonii fa’aatiin magaalotaafi bu’uuraalee misoomaa buufataalee boba’aa Sa’udii haleelaa turan.
Kana malees, Sa’udiin biyyi Iraan hidhattoota Shi'aa deeggaruun dhimma biyyoota Libaanoonifi Iraaq keessaa seenteetti jechuun himatti.
Hidhattoonni Shi'aa dooniiwwan boba’aa geejjiban naannoo Galoo Galaanaa Galfitti haleeluu, akkasumas bara 2019 diroonii (xiyyaara rimootiin to’atamtun) buufataalee boba’aa haleeluu keessa harka qabu jechuun himatti.
Dabalataan Sa’udiin waliigaltee gabbisa niwukilara Iraan 2015 mormuun, pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliigalticha diiguun, qoqqobbii dinagdee biyyattirratti dabarse deeggarteetti.
Iraan immoo gabbisa niwukilara biyyattirratti daangaa kaa’ame darbuun haaloo baate turte, amma garuu bulchiinsa pirezidant Joo Baayideen wajjin akkaataa waliigalticha deebisuun danda’amurratti al-kallattin mariyachaa jiru.
Gaaffiifi deebii Kibxata darbe gama foddaa TVn tamasa’erratti ilmi mootii Sa’udii biyyisaanii Iraan wajjin hariiroo gaarii qabaachuu akka barbaaddu dubbate.
Mohaammad bin Salmaan bara 2018 duree olaanaa biyya Iraan Ayaatolaa Alii Hamenii, Adoolf Hitilar wajjin walcina madaalchisee dubbatee ture.
Ilmi mootichaa Yaman, biyya rakkoon namoomaa addunyaarratti hamaa ta’e keessa jiraachuun kan ibsame ilaalchisuun yaada wayita kennetti, biyyi kamiyyuu hidhattoota daangaa ofiirratti arguu hin feetu jedhe.
Ilmi mootii Sa’udii Huutiin mariidhaan mirga lammiilee Yaman fi naannicha mirkaneessutti deebi’uu akka qaban waamicha dhiyeesse.
Ilmi mootii Sa’udii Mohaammad bin Salmaan pirezidantii Ameerikaa haaraa wajjin garaagartee guddaan akka hin jirretti gadi qabee haasa’e.
Joo Baayideen waliigaltee gabbisa Niwukilaraa Iraanitti deebi’uu akka barbaadan ibsuun, deeggarsa haleellaa Sa’udiin Yaman keessatti raawwattuuf Ameerikaan kennaa turte adda kutuun keessa bahan.
Kana malees, qabiinsa mirga namooma Sa’udii keessa jiruurratti qeeqa dhiyeessuun maddiitti, ajjechaa gaazexeessaa Jamaal Kashogjii bara 2018 raawwatame keessa ilmi mootii Sa’udii qooda qabaachuu gabaasa basaasaa ifoomsuun ni yaadatama.
















