Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Komiishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa: 'Qabiinsi hidhamtootaa kan himannaa duraa fooyya'uu qaba'
Hidhamtoonni himannaan osoo irratti hin banamiin duraa fi kanneen murteen irratti darbe, sarbama mirga namoomaaf saaxilamaa jiraachuu Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa hime.
Kunis sababaa hir'innawwan gama seeraa akkasumas gama seeroota hojiirra olchuutiin jiraniin akka ta'e hime.
Komishinichi ibsa Dilbata, guyyaa 'eegumsa hidhamtoota himannaan dura Afriikaa' ilaalchisuun baaseen, haalli hidhaa himannaan duraa fi adeemsii qabiinsa hidhamtootaa dhaabbilee mana sirreessaa biyyattii guutuutti akka fooyya'aniif waamciha taasiseera.
Namoonni himannaan osoo irratti hin banamiin dura to'annoo jala oolfaman sarbama mirgoota namoommaa hedduuf saaxilamoodha jedha ibsi kun.
Seerri adaba yakkaa namni tokko osoo himatni irratti hin banamiin yeroon beelamaan mana hidhaa keessa itti turu guyyoota 14 caalu hin danda'u jedha.
Haa ta'u malee baay'ina yeroo beellamni itti gaafatamu irratti seeraan daangaan kaa'ame dhabamuunsaa to'atamaan himatni osoo irratti hin banamiin yeroo dheeraaf mana hidhaa keessa akka turuuf saaxileera jedha.
Ibsichi dabalataanis, buufataalee poolisii dabalatee, dhaabbileen namoonni himannaan osoo irratti hin banamiin dura itti hidhaman ulaagaalee idil-addunyaan kaa'amee guutuuf baay'eetu isaan hafa jedheera.
Kana malees sadarkaan dhaabbilee kanneenii, naannoolee fi federaalaatti adda addummaa qabaachun isaa namoonni himannaan dura to'atamanii fi kanneen murteen irratti darbe sarbama mirgoota namoomaa adda addaatiif akka saaxilan taasiisu ni kaasa.
Naannoolee muraasa keessatti manneen sirreessaa wantoota bu'uura ta'an kan akka lafa qulqullinaa fi lafa ciisichaa mijataa akka hin dhiyeessine kan hime ibsi kun, manneen sirreessaa tokko tokkotti ammoo manni qulqullinaa dhiiraa fi dubartii adda bahee akka hin jirre hima.
Kana malees iddoowwan hidhamtoonni tursiifaman kunneen hedduun sadarkaa naannoolee fi federaalaatti argaman nyaataa fi bishaan sirreeffamtootaaf waan hin dhiyeessineef sirreeffamtoonni deeggarsa maatii isaanii irratti akka hirkatan, kaan ammoo nyaata argachuuf jecha sirreeffamtoota kaaniif hojjachu akka dirqaman hime.
Komishinichi komiiwwan gara jabummaa poolisii ilaalchisuun isa qaqqaban qorachu himuun, namoonni himannaa osoo irratti hin banamne to'ataman, yeroo hedduu maatiin isaanii eessa akka jiran akka hin barreef ni dhorkamu jedha.
Komishinichi ''sadarkaa federaalaa fi naannooleettis aanga'oonni mana sirreessaafi poolisoonni ajaja mana murtii mirgi wabii namoota to'atamanii akka kabajamuuf kennu didaa adeemuun haala yaachisaa ta'u hubateera'' jedha ibsichi.
Galmeewwan dogongorsuu ykn haalaan qabuu dhabuun, haqa sirrii, maatiin akka hin doowwanneefi wal'aansa fayyaa dhorkuun, akkasumas namoota gaafachuuf dhaqan haalaan simachu dhabuun ammalleen manneen sirreessaa hedduu keessatti kan babal'ateedha jedhe.
Haa ta'u malee namoota murteen irratti darbe dabalatee, kanneen himannaan dura to'ataman hundinu kabajaan keessummeeffamuu fi gara jabummaa ykn adabbii gosa kamiirraayyuu eegamuuf mirga qabu jedha ibsichi.
Akkasumas eegumsi daa'immaniif seera adaba yakkaa keewwata 169 (1) irratti kaa'ame aanga'oota naannooleetiin haalaan hojiirra oolfamaa hin jirus jedheera.
Keessattus sababii manni sirreessaa daa'immanii jiru tokkichi sadarkaa federaalaa qofatti argamuuf, naannoolee hundattuu daa'imman haala faallaa seeraa ta'een ga'eessota waliin hidhamaa jiru jedha.