'Yaalii akkan lubbuukoo dhabuuf taasifamaa jirudha' - Obbo Lidatuu Ayyaalew

Maxxanfame

Marsaa sadaffaatiif wallaansa fayyaatiif akka biyya alaa hin deemneef kan dhorkaman namni siyaasaa Obbo Lidatuu Ayyaalew, gochi kun wallaansa fayyaa dhabuudhaan, "yaalii akkan lubbuukoo dhabuuf taasifamudha," jedhe.

Obbo Lidatuu Ayyaalew kan kan BBCtti dubbatan imala wallaansa fayyaatiif biyya alaatti taasisuuf turan marsaa sadaffaatiif erga dhorkamuun paaspoortiin isaaniillee harkaa fuudhameen boodadha.

Rakkoon fayyaa qaban biyya keessatti wallaanamuu kan hin dandeenye, "dhibee onneedha. Hiddi dhiigaa onnee keessaa cufachuu (Artery blockage) kan jedhamudha. Kanaaf, wallaansa barbaachisaa yoo hin argatiin, lubbuukoof yaaddessaadha," jechuun BBCtti dubbateera.

Obbo Lidatuun waggaafi ji'a saddet dura wallaansa walfakkaataa akka rgatee ture ibsuun, kan amma deemuuf turan kanaan ammoo wallaansi yeroo darbee sirriitti hojjechuu isaa ilaaluuf, akkasumas wallaansa baqaqsanii yaaluu biroo taasifachuuf ture.

Rakkoon fayyaa isaa wallaansa fayyaa malee kan fayyyu waan hin taaneef, wallaansi fayyaa isaaf barbaachisu ammoo biyya keessa waan hin jirreef, "lubbuukoof yaaddessaadha," jedha.

Yakkawwan gara garaatiin shakkamee baatiiwwaniif mana hidhaa kan ture Obbo Lidatuun, rakkoo fayyaa qabaniif jecha hirmaannaa siyaasaa cimaa kanaan dura qabu keessaa akka ba'ullee dhiyeenya ibsuun isaa ni yaadatama.

Imaluu dhorkuu irra deddeebiin isarra gahe ilaalchisuun, "karaa sirrii hin taaneen akka lubuukoo dhabu yaalamaa akka jiru kan agariisudha. Ani kanaan adda hiika biraas itti kennuu hin danda'u," jedhe.

Obbo Lidatuun wallaansa fayyaa kanaaf gara Ameerikaatti ture kan imaluun isaarra ture.

Kamisa darbe gara Ameerikaatti imaluudhaaf yeroo gara Buufata Xiyyaaraa Booleetti kan qajeelan Obbo Lidatuun, shaanxaa galfatanii yeroo xiyyaaratti seenuudhaaf dhuma irratti paaspoortii ilaalan akka biyyaa hin bane dhorkaan sirra jechuun isa deebisuu dubbata.

Yeroo kanatti xalayaa Odeeffannoofi Tika Biyyaalessaarraa barreeffame agarsiisanillee, "Dhorkaan mana murtii waan sirra jiruuf ba'uu hin dandeessu," akka jedhame BBCtti himeera.

Obbo Lidatuun kanaan dura si'a lama hojjetoota Imigireeshiniitiin akka biyyaa hin bane kan dhorkaman yommuu ta'u, si'a lamanuu akka biyyaa hin bane kan dhorkame Odeefannoofi Tika Biyyaalessaatiin akka ta'e ibsee ture.

Yeroo akka biyyaa hin bane dhorkametti Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatiif iyyata dhiyeessee akkan ture yoo ta'u, boodarra garuu dhorkaan kun Odeeffannoofi Tika Biyyaleessaatiin akka hin ta'iin ibsamuun isaa ni yaadatama.

Odeeffannoofi Tiki Biyyaalessaa akka hin dhorkine ibsamuu hordofee rakkoon isaa furamee jechuun Obbo Lidatuun imaluuf yeroo ka'anitti ammas akkuma kana duraatti dhorkamuu dubbate.

Kamisa yeroo akka imaluu hin dandeenye itti himametti Obbo Lidatuun Komishinara Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqalaa (PhD)tti bilbilaan beeksisee innis aanga'oota Immigireeshinii dubbisuuf yaaluu isaa BBCti himeera.

Deebii Daani'eel argatan ammoo, "Ba'uu hin danda'u, dhorkaan mana murtii irra jira," kan jedhu akka ture Obbo Lidetuun dubbateera.

Kanaan dura yeroo dhorkametti, " kan na deebisan Tika Biyyaalessaadha. Yeroo lamaanuu kan na deebisan dhorkaan mana murtii sirra jira, biyyaa ba'uu hin dandeessu. Dhorkaan mana murtii eessadha jedhee yommuun gaafadhu kan natti himan hin jiru."

Imalli wallaansa fayyaa argachuuf taasisuuf ture si'a sadaffaatiif sababii beekuu hin dandeenyeen gufachuu isaa kn dubbatu Obbo Lidatuun, "Si'a lama akkan biyyaa hin bane kan na dhorke Odeeffannoofi Tika Biyyaalessaati," jedheera.

Odeeffanniifi Tika Biyyaalessaarraa, akkasumas Waajira Immigireeshiniirraa dhimma kanarratti ibsa gaafachuudhaaf yaalii BBCn taasise ammatti hin milkoofne.

Obbo Lidatuu Ayyaalew namoota siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa adda-duree qaban yoo ta'u, hirmaannaa filannoo Itoophiyaa bara 2005 gaggeeffameen addatti yaadatamu.

Obbo Lidetuun, bara darbe Waxabajji keessa ajjeefamuu Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee himannaan gara garaa kan irratti dhiyaate yommuu ta'u, to'annoo poolisii Oromiyaa jala ji'oota baayyeetiif turaniiru.

Dhumarratti himannaawwan irratti dhiyaateerraa bilisaan jedhamuu gadi dhiifamuun isaa ni yaadatama.