Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaan Beejing addunyaarratti magaaloota kamuu caalaa biliyeenaroota hedduu qabdi
Akkaataa gabaasa dureessota barruun Forbes dhihoo baasen, magaalota addunyaa kamuu caalaa magaalli biliyeenaroonni hedduu itti argaman Beejingiidha.
Magaalaan guddoo Chaayinaa bara darbe biliiyeenaroota haaraa 33 dabalattee turte. Yeroo ammaa immoo biiliyeenaroonni 100 keessa jiraatu jedhe barruun biiznasii kuni.
Kunis, magaalaa waggoota torbaaf baay'ina biiliyeenaroonni keessa jiraataniin dursaa turtee Niw Yoorkiin caaluu dandesseetti.
Yeroo ammaa magaalaa Niw Yoork keessa biiliyeenaroonni 99 jiraatu.
Tatamsa'ina Covid-19 to'achuu, kaampaaniiwwan teknolojii dagaaguufi istook maarkeetin cimuun Chaayinaan biiliyeenaroota akka hortu gargaare.
Lakkoofsa dureessota biiliyeenaroota ta'aniin Beejing caaltus hammi biliyeenaroonni magaalaa Niiw Yoork ida'amee dolaara biiliyoona 80'n kan biliyeenaroota Beejing caala.
Dureessi cimaan Beejing hundeessaa viidiyoo itti qoodan TikTok akkasumas hoogganaa dhaabbata ByteDance kan ta'e Zhaang Yimingiidha.
Barana qabeenyi inni qabu dachaan guddate dolaara biiliyoona 35.6 gahe.
Faallaatiin immoo jiraataan Niw Yoork keessatti qabeenya guddaa horatan kantiibaa duraanii Mikaa'el Biluumbargidha. Qabeenyi isaaniis dolaara biiliyoona 59 dha.
Diinagdee elektironikii Chaayinaa
Chaayinaatti akkuma Ameerikaa bara weerara koronaavaayirasii dhaabbileen teknolojii isaanii guddoo guddatan, buufatanillee.
Kunis, uggura Covid-19 keessa namoonni onlaayinii gubbaa waan bitaniifi waan isaan bashannansu barbaaduu isaaniiti.
Kunimmoo namoonni dhaabbilee hundeessaniifi qooda keessaa qaban qabeenya guddaa akka horatan isaan gargaare.
Chaayinaan biyyoota kamuu caalaa biiliyeenaroonni haaraa hedduu barana galmee biliyeenaroota barruun Foorbis baase keessa galaniiru.
Barana haaraa kan galmaa'an baay'inaan 210 dha. Gabaasni kuni magaalota Hong Kong fi Makawuullee dabalata.
Kanneen haaraa biiliyoonaroota ta'un barame keessaa walakkaan qabeenya isaanii omisha yookiin teknolojiirraa horatani.
Dureessi dubartii Kaate Waang jedhamtullee qabeenya horatte tamboo elektironikiirraa argatte.
Yeroo ammaa Ameerikaa keessa biliyeenaroonni 724 argamu, Chaayinaa keessammoo 698 gahaniiru.
Biliyeenara tokko sa'aatii 17 keessatti
Waggaa darbe biliyeenaroonni haaraa 493 ta'aniifi riikardii ta'e tarree dureessota idil - addunyaa seenaniiru.
Kunis, dureessi tokko sa'aatii 17 keessatti galmaa'a jechuudha jedheera barruun Forbiis.
Hindii keessa biliyeenaroonni 140 argamu. Kunis, biyyoota biliyeenaroota qaban keessaa sadarkaa sadaffaa akka qabattu taasisa.
Hundeessaafi hoogganaan dhaabbata Amaazon Jeef Bezoos ammallee waggoota afuriif walitti aansanii dureessa addunyaa beekamaa akkuma ta'anitti jiru.
Waggaa darbe qabeenya isaanii irratti dolaara biliyoona 64 dabalatanii qabeenyi isaanii dolaara biliyoona 177 gaheera.