Covid 19: Du'a hayyootaa hawaasa Yunivarsiitii Wallaggaatti 'naasuu uume'

Madda suuraa, Hasan Yusuf
Dhibeen Covid-19 yeroo kamuu caalaa Itoophiyaa keessatti babal'achuun namoota hedduu miidhaa jiraachuun dhagahamaa jira.
Hakiimootaafi hayyoonni biyyaafi ummata isaaniif bu'aa olaanaa taasisuu danda'an dhibee kanaan lubbuu dhabaa jiru.
Yunivarsiitii Wallaggaatti ogeessa Faarmaasii kan ta'e Iddoosaa Taaddasaa, sababa koronaavaayirasiin guyyootaan dura lubbuu dhabuu Pirezidaantiin Yunvarsiitichaa Hasan Yusuuf (PhD) BBCtti himan.
Duuti ogeessa kanaatiis hawaasa yunivarsitichaa biratti naasuu guddaa uumuusaa Dr Hasan dubbatan.
Yunvarsiitichatti hakiimonni ispeeshaalistoota ta'an biroon sadii Covid-19n qabamanii amma bayyanachaa jiraachuu Pirezidantiin Yunvarsiitichaa ni dubbatu.
Ogeessa Faarmaasii Iddoosaan, haspitaala rifeeraalaa Yunvarsiitichaa keessa kan hojjetuufi ogeessa baayyee cimaafi quuqama guddaa qabu ture jedhu Dr. Hasan.
Ogeessi kunis faarmaasii Yunvarsiitiirrayyu darbee faarmaasiiwwan magaalaa Naqamtee, Shaambuufi Gimbii akka qindeessaa koree ta'uun hojjetaa ture jedhan Pireezidantichi.
Guyyaa dheeraa akka hin dhukkubsanneefi guyyoota lamaa hanga sadii kutaa wal'aansa hordoffii addaa (ICU) keessa turuus lubbuun isaa darbeera.

Madda suuraa, Facebook Screenshot
Hospitaalli Yunivarsiitii Wallaggaa kutaa namoonni akkaan dhukkubsatan keessatti yaalaman yookiin ICU kan qabu yoo ta'u, hojjettoota irra darbeeyyuu hawaasaaf tajaajila akka kennaa jiru kaasuun, dhiyeessi meeshaalee ittisa Covid-19 oolan akka maaskiifi saanitaayizariilleen gahumsaan hojjetootaaf ni dhiyeessa jedhu Dr. Hasan.
Hakiimonni sadarkaa ispeeshaalistiirra jiran hospitaala Yunvarsiitichaa keessa hojjetan sadii dhibee kanaan qabamanii amma akka dandamatan kaasuun, rakkoon guddaan akka naannawaa isaaniitti jiru dagachuutu jira jedhu.
"Akka magaalaattis of eeggannoon hin jiru. Sirriitti hin hubatamne malee [dhibeen kun] nama baayyee nu dhabsiisaa jira."
Namoota shakkamanii isaan biratti qorataman keessaa walakkaa kan ta'u irratti koronaan akka argamaa jiru himuun, namni maaskiillee sirriitti fayyadamaa hin jiru jedhu.
Dhibaa'ummaafi salphisanii ilaaluun akka dhibee kana hammeessaa dhufu dubbatan Pirezidantiin Yunvarsiitii Wallaggaa Dr. Hasan.

Madda suuraa, Facebook Screenshot
Gama kaanin dhiyeenyuma kana amma dura Yunvarsiitii Wallaggaatti barsiisaa, qorataafi sadarkaa itti-aanaa pirezidaantiirra hanga gahutti waggoota kudhaaniif tajaajilaa kan turan Hirphaa Laggasaa (PhD) akkasuma dhibee kanaan lubbuun isaanii darbuu himan Dr. Hasan.
Dr. Hirphaan Yunvarsiitii Wallaggaa irraa gara Ambootti erga jijjiiramanii waggaa lama kan guute yoo ta'u, hayyuun kunis tibbuma kana sababii koronaan lubbuu isaa dhabeera.
Ummanni weerara Covid-19 akka taphaatti osoo ilaalaa jiruu dhukkubichi lubbuu hakiimotaa dabalatee namoota hedduu galaafachaa jira waan ta'eef xiyyeeffannoo addaa kennuun of eeggachuu feesisas jedhan.















