Abiddi bosona gaarren Arsii fi Jibaatitti qabate maalirra jira?

Madda suuraa, Miidhagsaa Tolaa
Abiddi torban darbe bosona Jibaat Lixa Shawaa jirutti qabatee ture yoo to'annoo jala oolu, abiddi gaarren Arsii ammallee yaaddessaa ta'uu aanga'oonni BBC'tti himan.
Kibxata darbe eegalee ibiddaan gubachaa kan ture bosonni Jibaat Sanbata xiqqaa darbe guutummaan guutuutti to'annoo jala ooluu bulchaan aanaa Liiban Jaawwii Obbo Silashii Booranaa dubbataniiru.
Bosonni Jibaat aanaalee sadi aanaa Jibaat, Daannoo fi Liiban Jaawwii keessatti kan argamu yoo ta'u, balaan ibiddaa kan qabate gama aanaa Liiban Jaawwii ganda Gaamoo Walisoo jedhamu ta'uu himan.
Abidda miilanaan bosonni hektaara 1,000 ol manca'uu aanga'aan eegumsa bosonaa aanaa Liiban Jaawwii ibsanii turan.
Obbo Silashiin garuu miidhaan lubbu qabeeyyii fi bosonarra gahe adda baafamee hin beekamu jedhan.

Odeessaalee balaa abidda bosonaa biroo:

Abiddi bosonichatti qabatee ture hirmaannaa uummataa fi qaamolee nageenyaan akka dhaame himan aanga'aan kun.
Ka'umsa abidda kanaa ilaalchisee hanga ammaa wanti qorannoon bira gahame hin jiru kan jedhan Obbo Silashiin, "rakkoon nageenyaa toora sana ture, haa ta'u malee wayita abiddicha dhaamsuuf bosona seenne wanti nu quunname hin turre" jedhan.
Abiddi kun deebi'ee akka hin kaane hawaasni naannoo yoo mallattoo arge ariitiin akka eeruu kennuu hubannoo uumuu dubbatu Obbo Silashiin.
Abidda gaarreen Arsii
Gama kaaniin torbee darbe abiddi bosona paarkii gaarren Arsiitti qabatee ture to'annoo jala oolfameera jechuun ulfaataadha jedhu itti gaafatamaan paarkichaa Obbo Mohaammad Tiifoo.
Abiddi guddaan yeroo lammataaf torbee darbe Roobii bosona gaarren Arsiitti qabate kan gama aanaa Xiyyoon qabatee ture Sanbata darbe gara galgala to'annoo jala oolfamuu Obbo Mohaammad BBC'tti himaniiru.
Haa ta'u malee Dilbata kaleessaa irra deebiin gama aanaalee Xiichoo, Digaluu fi Xiijjoo fi Diksiis jedhaman irra deebiin ka'ee ture jedhan.

Madda suuraa, Ballaxaa Zallaqaa
Abiddi kun hirmaannaa uummatan to'atamulleen, abiddi lafa keessa awwaalamee waan jiruuf haala qilleensa hamaa jiruun deebi'ee ka'uu mala yaaddoo jedhutu jira jedhan.
Teessumni lafaa rakkisaa ta'uu fi haalli qilleensaa walitti ida'amuun abidda kana to'achuuf rakkisaa gochuu kan himan Obbo Mohaammad, ragaan qulqullaa'e jiraachuu baatus lafti bal'aan akka gubateefi bosonarras miidhaan cimaan gahuu himaniiru.
Wayita ammaa uummata hirmaachisuun akkasumas ogeeyyii naannoo Oromiyaa fi federaalarraa dhufan waliin to'annoon godhamaa akka jiru dubbatu.
"Ebalu jennee adda baasuu baannus ka'umsi namuma" jedhu ka'uumsa abidda kanaa kan gaafataman Obbo Mohaammad.
"Bakka tokko tokkotti ijoollee xixiqqoodha kan qabamaa jiru, ijoollee umuriin isaanii ganna 11, 12ti kan nu qunnamaa jiru. Kaawwan garuu namoonni cimeessis keessa jiru," jedhan.
Aanaa Digaluu fi Xiijjoo irratti namni ga'eessi to'annoo jala oolfamee hidhaan waggaa lamaa itti murtaa'e jira jedhu.
Kaan garuu daa'imman umuriin isaanii yakkaan himachuuf hin geenyedha kan jedhan aanga'aan kun, bakka hundatti yeroo tokkotti abiddi qabachuun haala qindaa'een kan raawwatamaa jiru fakkaata jedhu.
Qaamni ergama qabuu fi daa'imman kana duuba jiru jiraachuu shakkina jedhan.

Madda suuraa, Miidhagsaa Tolaa
Torbanoota darban Oromiyaa Godinaalee gara garaa keessatti abiddi bosonatti qabatee dubbii ijoo marsaalee hawaasaa ta'ee ture.
Godina Horro Guduruu Wallagga keessatti balaan ibiddaa bosona Caatoo irrattii qaqqabee hirmaannaa uummataatin guyyaa tokkotti dhaame.
Kana malees balaan ibiddaa godinaalee Baalee fi Booranaa keessatti ka'ee kan ture yemmuu ta'u, kan godinaalee lachuu to'atamaniiru.
Godina Harargee Bahaa aanaa Mi'eessoottis ibiddi gaara Asaboot irratti ka'e ture guyyoota afur booda to'atame.
Balaawwan ibiddaa bosonoota Oromiyaa to'achuuf meeshaa harkaa humna namaatin tajaajilarra oolanitti akka fayyadaman himu daayrektarri Misoomaa fi Itti Fayyadama Bosonaa Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaa Obbo Zawdee Gojii.
Kunis balaan qaqqabu yeroo gabaabaa keessatti akka hin to'atamnef sababa ta'uu himan.
Kana malees iddoowwan haalli teessuma lafaa balaa ibiddaa hammeessutti teknoloojin akka xayyaaraa kan barbaachisu ta'uufi gama kanaan garuu hanqina qabaachuu himan.
















