Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa bilisaan mana hidhaatii akka gadhiifamtu manni murtii ajaje

Masarat Dhaabaa

Madda suuraa, Feesbuukii Masarat Dhaabaa

Maxxanfame

Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa bilisaan mana hidhaatii akka gadhiifamtu manni murtii aanaa magaalaa Galaan ajaje.

A L I Gurraandhala 3 bara 2013 mana jireenyaa isheetii poolisiidhaan kan too'atamte Gazexeessituu Masarat Dhaabaa erga too'atamtee booda himanni osoo irratti hin banamin ji'aafi torban tokkoo ol turteetti.

Abukaatoo ishee kan tahan Obbo Gammachuu Guutamaa BBC'tti akka himanitti Masarat erga too'atamtee qorannoon irratti dhihaates hin jiru, mana murtiittis hin dhihaanne jedhan.

Akkaataa seerri ajajuun mana murtiitti osoo hin dhihaatin waan turteef jechas mirga too'atamiinsi seera qabeessa ta'uusaa gaafachuu (Habeas corpus) tin mana murtii aanaa magaalaa Galaanitti iyyannoo dhiheefattee akka turtes himan.

Manni murtii aanaa magaalaa Galanis qaamoleen dhimmi kun ni ilaallata jedhu abbaa alangaa waliigalaa Oromiyaa, komishiniin poolisii Oromiyaafi qajeelchi poolisii magaalaa Galaan dhihaatanii sababa akka ibsaniif ajjajee ture.

Kanneen akka deebii kennan ajajaman sadan keessaas abbaan alangaa waliigalaa Oromiyaa dhimma kana quba akka hin qabne deebii kan kenne yoo ta'u, komishiniin poolisii Oromiyaafi Qajeelchi Poolisii Magaalaa Galaan garuu dhihaataniii osoo deebii hin kennin hafaniiruu jedhan Obbo Gammachuun.

Manni murtii aanaa magaalaa Galaanis A L I Bitootessa 7 bara 2013 ajajni mana murtii qaamolee lamaan kana gahuusaa erga qulqulleefateen booda galmee qorachuuf Bitootessa 8 bara 2013tti beellamee ture.

Haaluma kanaanis manni murtichaa dhadhacha har'a ooleen galmee Gaazexeessituu Masarat dhaabaa erga qoratee murtii kenneera.

Masarat hidhamtee isaan bira osoo jirtuu, ajajni mana murtiis isaan gahee, deebii akka kennan hiree kennameefis waan hin fayyadamneef jecha hidhaarraa akka gadi lakkifamtu jechuun manni murtichaa ajaja kenneera jedhan Obbo Gammachuun.

Ji'oota duras gaazexeessituu Masarat Dhaabaa dabalatee namoonni sababa uffata keelloo uffatanii dhaddacha Obbo Jawaar Mohaammad faa hordofuuf deeman hidhamaanii wabiidhaan akka bahan murtaa’uun isaa ni yaadatama.

Uffanni kelloo ammoo uffata hidhamtoonni siyaasaa uffatan fakkaatu Gaazexeessituu Masarata Dhaabaa dabalatee namoonni isaan deeggaran uffatanii isaan cinaa dhaabbachuu isaanii mul'isna jedhaa turanmidha.