Saayintistoonni icciitii ‘kompiitara' waggaa 2,000 dura ture argatan

Madda suuraa, PROF TONY FREETH / UCL
Meeshaan ganna 2,000 ‘kompiitara’ durii jedhamu akkamiin akka hojjetu baruuf fakkaattiinsaa hojjetameera.
Meeshaan Antiikaayteeraa jedhamu Giriikiitti bara 1901 erga argameen booda akkamiin hojjeta kan jedhu saayintistoota wal-gaafachiisaa ture.
Meeshaan harkaan hojjetu kun yeroofi gaaddiddeessuu addeessaa tilmaamuuf fayyadaa ture.
Haatahu malee, tokko sadaffaa isaa qofatu argame, kunis saayintistoonni maal akka fakkaatuufi akkamiin akka hojjetaa ture akka xiinxalan gochaa jira.
Qaamni dudduubaa meeshichaa qorannoo kana duraan kan barame yoo tahu, sirni meeshichaa wal-xaxaa karaa fuulduraan jiru otoo hin baramiin hafeera.
Saayintistoonni Yunivarsiitii Kooleejii Landan garuu samuuda kompiitaraa 3D jedhamu fayyadamuun dhimma kana furree jirra jedhan. Fuuldura meeshaa kanaa akka haaraatti fakkeessanii kalaqan, amma immoo meeshaa Antiikaayteeraa jedhamu kana meeshaa ammayyaa fayyadamuun fakkaattiisaa tolchuuf jiru.
Gaafa Jimaataa waraqaan gabaasaa Scientific Reports irratti bahe sirna wal-xaxaa kompiitarichaa agarsiiseera.
‘’Aduu,Addeessaa fi pilaaneetonni meeshaa qarooma Giriik durii agarsiisu irratti mula’ataniiru,’’ jedhan hogganaan qorannichaa Piroofeesar Toonii Firiiz.
‘’Saamuudni keenya meeshicha qaamaan kan ture fakkaatuu fi barreefama waa’ee meeshichaa taa’ee waliin sirriitti kan firoome dha,’’ jedhan.
Meeshichi sirna astiroonomii kan shallaguufii kompiitara anaaloogii jalqabaatis jedhameera.
Sibiila boorajii fi sibiilota garaagaraa baayyee irraa hojjetame.

Madda suuraa, AFP
Duubni meeshaa kanaa waa’ee hawaatu irratti ibsameera pilaanetonni shan yeroo meeshichi hojjetame abuuramanis irra jiru.
Hafteen caccabaa meeshichaa 82 qofatu argame-kana jechuun tokko sadaffaasaa jechuu dha. Kanaaf saayintistoonni fakkaattii guutuu argachuuf X-Ray fi herreega Giriik durii fayyadaman.














