Phaaphaas Firaansis hogganaa Shiyaa cimaa Iraaq waliin walargan

Maxxanfame

Phaaphaas Firaansis guyyaa lammataa dawwaanna seena qabeessa gara Iraaqitti taasisan irratti aanga’oota ciccimoo Islaamaa Shiyaa keessa tokkoo waliin marii gaggeessan.

Ayatollah Ali al-Sistani fi Phaaphaas Firaansiis

Madda suuraa, Reuters

Mariin Phaaphaasicha hogganaa amantaa Muslimoaa Shiyaa kan ta’e Olaanaa Ayatollah Ali al-Sastani waliin kan gaggeessan magaalaa qulqullittii Najaaf keessattidha.

Erga weerarri koronaavayirasii eegalee booda kun imala idil addunyaa Phaaphaasichaa isa jalqabaati, akkasumas Iraaqiin dawwachuun ammoo phaaphaasii isa jalqabaati.

Hogganaan Waldaa Kaatoolikii ganna 84 dursanii akka gaazexessitoottatti himanitti imala ‘seena qabeessa’ kana taasisuuf kan murteessan ‘itti gaafatamummaan’ waan itti dhaga’ameefidha. Daawwannaa guyyaa sadii kanaan bakkeewwan biyyatti adda addaa ilaaluuf jiru.

Sanbata irraa Phaaphaas Firaansis marii hogganaa Shiyaa ganna 90 waliin taasisan irratti xiyyaafannoon wa’ee hariiroo amantaalee gidduu jiru fi keessumatti ammoo erga bara 2003'tti humni waraanaa US fi michoota ishee Iraaqiin to'atee miidhama hordoftoota Kiristaanaarra gahe ta'a jedhameera.

Sana booda hogganaan kun magaalaa durii Ur bakka dhalootaa Raajii Abrahaam jedhamee yaadamu– wiirtuu amantaa Islaamaa, Kiristaanummaa fi Judiizimii ta’e- ni daawwatu.

Bakka dhalootaa Abrahaami jedhamee yaadamu, Ur

Madda suuraa, Reuters

Dawwannaa kanaratti Phaaphaasichaaf eegumsa kennuuf Humnoonni Nageenyaa Iraaq 10,000 ta’an bobbaafamanii kan jiran yoo ta’u, tatamsa’iina koronaavaayirasii hir’isuufis saa’aatii sochii irratti dhorkiin taasifameera.

Gartuuleen hidhatoota Shiyaa tokko tokko daawwannaan kun dhimmaa biyyatti irratti gidduu galtummaa Biyyoota Lixaa dabala jechuun dawwaanicha mormuun isaani gabaafameera.

Buufata xiyyaaraa Baagdaaditti erga Ministira Muummee Iraaq Mustafaa al Kadhimiin Jimaata simannaan taasifameefi booda haasaa taasisaniin ''gochii hokkoraa fi finxaalessummaa, walqooduu fi wal hubbachuu dhabuu dhaabbachuu qaba'' jedhaniiru.

''Iraaq rakkoo waraanaa hedduu, shororkeessummaa fi walqooduun miidhamteetti.''

Hawaasni Kiristaanaa biyyatti keessatti akka lammileetti mirgaa gutuu, walabummaa fi itti gaafatamummaan argachuu qabu jedhan.

Erga barkurnee lamaan sanaatii hawaasni Kiristaanaa dur lakkoofsaan miiliyoona 1.4 turan, bicachuun 250,000 galan.

Baayyeen isaanii wayita Ameerikaan Saadaam Huseenin aangorraa buusuuf biyyattii weerartee turtetti, hokkora uumameen, biyya dhiisanii baqatan.

Kaan ammoo wayita hidhattoonni Islaamik Isteet (IS) kaaba Iraaq bara 2014tti qabatanii turanitti qe'eerraa buqqa'an.

Kanaanis bataskaanonni isaanii seena-qabeessa tahan barbadaa'an, qabeenyi isaanis ni saamame, gareen kunis qaraxa kaffalaa yookiis amantii keessan geeddaraa, yookaan ammoo biyyaa bahaa yoo diddan ammoo du'atu isin eeggate jechuun filannoo kennaniifii turan.