Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daandiin Qilleensaa Yunaayitid xiyyaarota Booying 777 balali'uurraa dhorke
Ameerikaatti Daandiin Qilleensaa Yunaayitid xiyaarota Booying 777 lakkoofsaan 24 ta'an balali'uurraa dhorkuu beeksise.
Daandiin Qilleensichaa xiyyaarota kanneen balali'uurraa kan dhorkeef Sambata darbe balaan motora xiyyaara tokkoo irratti erga qaqqabeen boodadha.
Xiyyaarri balaan mudate kun imaltoota 231 fi keessummeesitoota 10 qabattee kan ture yoo ta'u, Buufata Xiyyaaraa Denver qubachuuf dirqameera jedhame.
Caccabaan xiyyaaricharraa harca'aa tures naannoowwan manneen jireenyaarratti argamaniiru.
Kan hordofee Jaappaan daandiin xiyyaarota Booying 777 motora walfakkaataa Piraayitis fi Wiitinii 4000 jedhaman tolfameef hundi akka qilleensasheerra hin seenneef gaafatteetti.
Xiyaarri Yunaayitid 328 gara Hawaay Hunoluuluutti balali'uuf ka'e kun motorasaa gama mirgaan jirurra balaan qaqqabuu Bulchiinsi Aveeshinii Federaalaa beeksiseera.
Balaa uumame kana hordofee xiyyaarota motorri Piraayitis fi Wiitinii 4000 tolfameef irratti qorannoon dabalataa akka taasifamuuf ajajeera.
"Erga balaan kun mudatee odeeffannoo nageenyaa hunda ilaalleerra," jechuun Bulchiinsa Aveeshinii Federaalaa Istiiv Diksiisii ibsa kennaniin hubachiisaniiru.
Akka odeeffannoo sadarkaa duraa argameetti, motora Booying 777 qofaaf tolfamu kana irratti karaa qilleensi gara motorasaatti galchu [fan] qorannoon akka gaggeeffamu waliigalteerra gahameera.
Bulchiinsi Aveeshinii Federaalaa bakka bu'oota kampaanii motora omishuufi Booying waliin dubbachaa jira.
Qorannoon jalqabaa Boordiin Nageenya Geejjibaa biyyattii akka agarsiisutti balaan xiyyaaricharra gahe motora isaa gama mirgaarra yoo ta'u, ulaan qilleensa galchu (fan) babbaqaqaniiru.
Haata'u malee, qaama waliigalaa xiyyaarichaarra miidhaan gahe akka hin jirre Boordichi beeksiseera.
"Akka malee urgufamaa ture"
Imaltoonni xiyaara balaan kun irra gahe keessa kan turan akkuma xiyyaarri kun balali'uuf ka'een dho'insi guddaan dhaga'amuu dubbatu.
Imaltoota keessaa tokko kan ta'e, Daaviid Deloosii, "Xiyyaarichi akka malee urgufamaa ture. Isaan booda ol ba'ee balali'uu waan hin dandeenyeef gadi bu'uu jalqabe," jedhaniiru.
Itti dabaluun, inniifi haati warraa isaa tarii yoo balaan nu mudateef jechuun borsaa isaanii kiisa keessa gaggalfataa turuu dubbatu.
Poolisiin magaalaa Biruumfiild wanti motora xiyyaarichaarraa caccabe mooraa mana jireenyaa tokko keessatti kufuu isaa suura qoodeen agarsiiseera. Caccabaan biroo ammoo dirree kubbaa miilaa magaalicha keessatti argamu keessatti kufee argameera.
Caccabaa xiyyaarichaarraa kufeen garuu namni miidhame hin jiru.
Bara 2018 xiyyaarri Daandii Qilleensaa Yunaayitid osoo Honoluuluu hin qubatiin dura motorri mirgaasaa cabee ture.