Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daldalaa konkolaataa Naayijeeriyaa tikfattoota loonii ari’atu
Naayijeeriyaa keessatti wal-dhabdeen saboota Fulaanii fi kaan gidduu jiru waggoota kurna dabran lubbuu namoota kumaatamaa galaafateera. Ammammoo daldalaan konkolaataa kun nama falmisiisaa lola kanaa taheera.
Warra isa deeggaraniif gootummaan kan leellifamu Sandeey Igboohoo Adeeyeemoo, warri isa morman nama balaafamaa nama jumlaan oofu isaan jedhu. Jibbaa fi ajjeechaa sabaafis sababa ittiin jedhuun.
Duraan naannoo dhalootasaa Kibba-Lixa Naayijeeriyaatti beekama ture, yeroo ammaa nama waa’eensaa baay'ee odeeffamuu fi falmisiisaa biyyattii taheera.
Haasaa walitti buusu walitti fufinsaan taasiseen, Sandeey lola sabaa lubbuu namootaa galaafatu keessa galeera.
Lolli tikfattoota Fulaanii fi saboota biroo gidduu jiru sababnisaa dhimma lafaa fi lafa dheedumsaati.
Sandeey Adeeyeemoon eenyu?
· Bara 1972 Igboohoo naannoo Oyootti dhalate.
· Daldala konkolaataa haaraa fi faayidaarra oolee qaba
· Isa dura mekaanika doqdoqqee ture
· Dhaabbata warra deeggarsa hin qabne gargaaru qaba.
Sandeey beekamtii falmisiisaa kan argate Onkololeessa keessa gaafa guyyaa walabummma Naayijeeriyaa, addatti Riippaabliika Yoorubaa hundeessuuf waamicha erga taasiseen booda dha. Yaadasaa kanaaf baay'ee balaallefatameera.
Amma dheekkamsa biyyattii keessa jiruuf akka karaa saaqaatti ilaalamaa jira.
Dheekkamsa kunneen duuba mirga abba lafummaaatu jira.
Sabooti Fulaanii lafa dheedumsaa argachuuf fiixee kaaba biyyattiirraa gara gidduugalaatti godaanu. Kunimmoo hawaasa naannoo jiran waliin walitti isaan buusa.
Sabootni kaan loon isaanii midhaan keenya nu jalaa balleessan, yeroo kaan immoo nu saaman jechuun isaan komatu.
Karoorri mootummaa 2019tti rakkoo kana furuuf jecha lafa qonnaa tikfattootaaf kennuuf raggaasifame bulchitoota Kibbaa baay'een mormiin isa mudateera.
Pireezidant Muhaammaduu Buhaarii ofii saba Fulaaniirraa tahanis namootasaaniif lafa saamu jedhamuun himataman.
Waggoota muraasa dabranitti lolichi lubbuu namootaa galaafataa dhufeera. Sabooti Fulaanii fi warreen kaan illee milishaa mataasaanii hundeessaniiru.
Bulchiinsi Kibbarra jirummoo qaama nageenyaa dhaabuun dhimmicha hiikuuf yaalaa jira.
Akka feetee loon dheedumsaaf gadhiisuunis naannolee ja’a Kibba-Lixa biyyattiitti dhorkameera. Namni siyaasaa Faataayi Abooroodee naannoo Oyootti erga ajjeefameen booda muddamni ittuu dabaleera.
Sandeey immoo dhimma kana karaa mataasaan hiikuu barbaade, warri Fulaaniis achii akka deeman itti hime. Du’a nama siyaasaa kana keessaa harka qabachuu isaaniif garuu ragaa tokkollee hin dhiyeessine.
Guyyaa akeekkachiisa torba erga kenneen booda baatii Amajjii keessa naannoo ajjeechaan nama kanaa raawwatee fi sabooti Fulaanii jiraatanitti hiriira mormii taasise.
Manneetiin saboota Fulaanii barootaaf achi jiaraatanis gubate.
'Maqaasaa yeroon dhagahu nan rom’a'
Abduulkadiir, hogganaa warra Fulaaniiti manni jireenyaasaa naannichaa waan gubateef Sandeeyiin hokkora kakaasuun komata.
''Yeroo maqaa masoo Igboohoo waaman sodaadhaan nan rom’a,’’ hokkora akkanaas argee hin beeku jedha.
Namni kuni obboleessi koo xiqqoos ajjeefameera jedha.
Sandeey garuu himannaa kana ni haala, yeroon achi ture hundumatti poolisiin na faana turee jedha.
Haa tahu malee tikfattoota Fulaanii ‘ari’uuf’ naannoo Yeewaa jedhamu deemeera.
Achitti simannaa ho’aa tahetu isaaf taasifame. ‘’Tikfattooti nama ajjeesan’’ kan isaan haqa miliqan mootummaa federaalaatti dhihoo gatii tahaniif jedhe.
‘’Fulaaniin waa yoo butu argame gara ifaatti dhufuu qabas’’ jechuun dubbate.
Poolisiin dhimma kana akka qoratu himus namni kuni garuu shakkamaadha hin jenne.
Gochaansaa kuni bal’inaan kan balaaleffatame yoo tahu, keessumaa gareewwan Kaaba Naayijeeriyaa hokkora kakaasuufi buqqaatii lammiilee ‘seeraan alaa’ irratti hirmaachuun isa himatan.
Bulchitoonni gama Kibbaa muraasni balaallefatan illee deeggarsa guddaas arageteera.
Bakka buutota uummataarra otoo hin hafiin ‘’gootummaa fi ija jabina’’ kee dinqisiifanne jedhaniin.
Miidiyaa hawaasaarratti qarshiin GoFundMe isaaf funaanamaa tureenis doolaara 26,000 sa’atii 24 keessatti argateera.
''Lammiileen Naayijeeriyaa iddoo fedhan jiraachuu danda’u''
Warri Sandeey deeggaran mootummaan federaalaa halleellaa tikfattootaan hawaasarra gahu dhaabuuf waan gahaa hojjetaa hin jiru jedhu
Bulchaan naannoo Beenuu Saamu’eel Ortoom lolli balaafamaa tikfattootaa fi qonnaa bultootaa iddoo inni bulchutti qaqqabe pireezidantichi warra Fulaaniif ijaa ooguufi jedhe.
Minsiteerri odeeffannoo Laayaa Mohaammad waan bulchaan kuni jedherretti yaada kennuu hin fedhu jechuun ‘’lammiileen Naayijeeriyaa lafa barbaadan jiraachuuf mirga qabu,’’ jedhe.
Barreessaan og-barruu looreetii noobeelii Woolee Sooyinkaa ofii nama naannoo Kibba-Lixaa yoo tahu mootummaan dhimma kanarratti callisuu komateera, gara waraana walii waliiniitti guddachuu danda’a ture jedhe.
Sandeey mootummaa waliin haasa’uuf qophiidha jedhus tattaaffiin muddama kana hiikuuf taasifamu garuu gad-qabamaa jira.
Gariin namootaa Sandeeyiin ‘baraaraa’ jechuun yoo isa waaman. Konkolaataa calaqqistuu oofaa uummataasaaf qaqqabe jedhaniin.