Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Feesbuukiin Awustiraaliyaatti oduun akka hin qoodamneefi hin mul'anne uggure
Feesbuukiin fayyadamtootasaa Awustiraaliyaa qabiyyee oduu akka hin qoodnee fi hin argine ugguruun yaaddoo odeeffannoo bu'uuraa argachuu uumeera.
Lammiileen Awustiraaliyaa Kamisa ganama gaafa ka’an marsariitiiwwan oduu addunyaa fi biyya keessaa Feesbuukiirra hin jiran ture.
Fuulli Feesbuukii wiirtulee fayyaa mootummaa, tajaajilli hatattamaa fi kaanillee ugguramanii turan, kanaaf boodarra dhaabbatichi dogoggoraani jedheera.
Mootummaan Awustiraaliyaa uggurri kuni ‘amanamummaa’ Feesbuukii gaaffii keessa galcha jedhe. Warreen Awustiraaliyaan ala jiranis qabiyyeewwan achii maxxanfaman dubbisuu hin danda’an.
Tarkaanfiin kun seera wixinee Awustiraaliyaan dhaaboti teekinolojii qabiyyee oduudhaaf haa kaffalan jedhuuf deebii kenname dha.
Dhaaboti kanneen akka Guuglii fi Feesbuuk seerichi hojimaata intarneetii hin deeggaruu, akka malee nu ‘adabee’ jedhan.
Mootummaan Awustiraaliyaa seericha raggaasisuu akka itti fufu hime. Gaafa Roobiis bakka bu’oota uummataan ragga’e.
‘’Feesbuukiin kuni maqaa gaarii isaaf maal jechuu akka tahe itti yaaduu qaba,’’ jechuun Ministirri Koominikeeshinii biyyattii Pool Feechar ABC’tti himan.
Tarkaanfiin Feesbuukii kuni Guugil dhaabbata oduu Rupert Murdoch’s dhaaf nan kaffala erga jedheen booda dha dhagahame.
Feesbuukiin maaliif kana godha?
Dhaabbanni Awustraaliyaa dorgommii daldalaa to’atu dirree dorgommii dhaabota teeknolojii fi maxxansitootaa qixxeessuufi seerichi wixiname jedha.
Feesbuukiin immoo ‘kuni filannoo ulfaataa: seera hariiroo hojimaata kanaa dagate fudhachuu ykn oduun Feesbuukiirra akka hin bane dhorku gaafat’ jedhe
‘’Gadda guddaadhaan filannoo isa boodanaa irratti muruu qabna,’’ jedhe Feesbuuk. Manneetiin maxxansaa Awustiraaliyaas geessituu kamiyyuu Feesbuukiirratti akka hin maxxansinee fi hin qoodne dhorkaman. Sabaa-himaan biyaalessaa ABC fi gaazexooti The Sydney Morning Herald and The Australian hordoftoota miiliyoonaan lakkaa’aman qabu.
Feebuukiin manneetiin maxxansaa Awustiraaliyaa bara darbe doolaara miiliyoona 470 akka argatan deeggareeraa, ofii garuu galiin oduurraa argadhu guddaa miti jedheera.
Seerichi qabiyyee ‘Feesbuukiin hin gaafanneef’ adabaa jiraa jedhan hogganaan dhaabichaa Awustiraaliyaa Wiiliyaam Estan.