Manneen barnootaa Niiw Zilaand moodesii bilisaan kennuufi

Meeshaalee qulqullinaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Waxabajjii irraa eegalee, 'hiyyummaa yeroo laguu' hir’isuuf jecha manneen barnootaa biyya Niiw Ziiland hundi meeshaalee qulqullinaa yeroo laguu bilisaan kennuuf jiru.

Aanga’oonni barattoonni dubaraa tokko tokko meeshaaleen qulqullinaa yeroo laguu kan akka moodesii bitachuu waan hin dandeenyeef baruumsarraa hafaa jiraachuu isaani yaadda’aniiru.

Murteen kun yaalii bara darbe maneen barnoota 15 keessatti gaggeeffameen booda dhufe.

''Sababa wanta walakkaa uummata keenyaaf baramaa ta’een shamarran barnoota isaanii irraa hafuu hin qabani,” jedhu Ministirri Muummee Jasiinda Arderni.

Shammarraan Niiw Ziiland 12 keessa tokko sababa hiyyummaa yeroo laguun mana barumsaa irraa ni hafu, kun ammoo yeroo harki qalleeyyiin meeshaaleen qulqullinaa yeroo laguu bitachuu fi argachuu dhaban ni hammaata jedhu Aadde Arderni.

Meeshaaleen qulqullinaa yeroo laguu bilisaan dhiyeessuun mala tokko mootummaan hiyyummaa furuuf, hirmaannaa barnootaa dabaluufi “fayyummaa da’immanii irratti dhibbaa gaarii uumuuf’ fudhatudha jechuun Kamisa dubbataniiru.

Sochiin kun ammaa eegalee hanga bara 2024tti mootummaa Niiw Ziilandiif baasii doolara miiliyoona 18 kan baasisudha.

Sadaasa darbe irratti, ‘namoota barbaadan hundaaf’ meeshaaleen qulqullinaa yeroo laguu bilisaan dhiyeessuun addunyaa keessatti Iskootilaand biyya ishee jalqabaa taatetti.

Bara darbe ammoo, Ingilaand maneen barnoota sadarkaa tokkooffaa fi lammaffaa hunda keessatti meeshaalee qulqullinaa yeroo laguu bilisaan dhiyeessuu eegalteetti.

Bulchiinsoti US hedduus meeshaalee qulqullinaa yeroo laguu manneen barnootatti bilisaan dhiyeessuuf seera baasaniiru.