Seera baastonni bulchiinsa Virjiniyaa du’aan nama adabuu dhorkuufi

Maxxanfame

Seera baastoonni Ameerikaa, kutaa bulchiinsa Virjiniyaa adabbii yakkaaf du’an nama adabuu dhorkuuf filannoo gaggeessan.

Seneetiin kutaa bulchiinsa Virjiniyaa barsiifanni du’aan nama adabuu akka hafu erga filatani hordofuun, Jimaata minseensonni mana maree itti sagalee kennan.

Kunis bulchaan Virjiniyaa Raaf Nortam, seera akka ta’ee ragga’u akka mallatteessan haala mijeessaa.

Tarkaanfiin kun Virjiniyaa, kutaa bulchiinsa Ameerikaa gara Kibbaa yeroo jalqabaaf adabbii du’aa hambiste taati.

Adabbii du’aa ilaalchisuun kutaalee Ameerikaatti wayita falmiin deebi’ee jabaatetti tarkaanfiin kun fudhatame.

Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp sadarkaa federaalaatti adabbii du’aa ganna 17’f addaan cite deebisanii hojiirra oolchanii turan.

Ji’oota muraaasa keessatti namoonni 13 adabbiin du’aa kan itti murame yoo ta’u, namoonni jaha filannoo Ameerikaa booda du’aan adabamaniiru.

Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayideen wayita duula filannoo gaggeessan adabbii du’a sadarkaa federaalaatti hambisuuf akka hojjatan fi tarkaanfiin biraa akka fudhatamu akka jajjabeessan himanii turan.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii biyyoota miseensoota194 keessaa 170 seera du’aan adabuu dhorku baasaniiru ykn hojiirra oolchaa hin jirani.

Ameerikaa garuu seera adabbii du’a hojiirra oolchun qeeqama turte.

Qorannoon yaada uummarratti gaggeeffame akka agarsiisutti, deeggarsi hawaasni adabbichi akka hojiirra ooluuf qabu gadi bu’eera. Bara 1990 keessa %80 kan ture amma gara %55tti hir’ateera.

Kutaalee Ameerikaa 28 keessatti adabbii du’aa ni eeyyamama.

Kaaliforniyaa fi kutaaleen Ameerikaa hedduun garuu seerichi hojiirra akka hin oollee yeroof daangessaniiru.

Giddugaleessii adabbii du’aa biyyatti akka himetti, Virjiniyaa keessatti erga bara 1976 asitti namoonni 113 adabbiin du’aa irratti raawwatameera. Lakkoofsa namoota adabamanii heddu qabaachuun Teeksaasitti kan aantu yoo taatu, namoonni lama ammas du’a eeggacha jiru.

Bulchaan Virjiniyaa Raaf Nortam adabbichi akka dhorkamu deeggara jedhan.

‘’Barsiifanni akkasii bu’uura irraa sirrii hin miti, namummaa of keessa hin qabu, milka’aas miti, namoonni adabbii du’aa keessa turan kanneen yakkaa ittiin himatamaniirra bilisa ta’anillee jiru,’’ jedhan Nortam.