Hogganaan Olompiikii Tookiyoo ‘dubartoonni haasaa dheeressu’ jechuusaaf dhiifama gaafatan.

Madda suuraa, EPA
Hogganaan koree Olompiikiisii Tookiyoo waa’ee dubartootaa haasaa ‘sirrii’ hin taane’ dubbannaan aangoo akka gad-lakkisan gaafatamaa jiru.
Yooshiroo Moorii nama ganna 83 yoo tahan, dubbii isaaniif dhiifama gaafatanillee aangoo gadhiisuuf garuu karoora akka hin qabne himan.
Hogganaan kun ‘’dubartoonni oduu baayyisu, walgahiin boordii dubartoonni itti baay’atan ‘yeroo dheeraa fudhata,’’ jechuun himataman.
Hoogganaan kunis wal-gahii koree Olompiikii Jaappaan Roobii darbe irratti ture kana kan haasa’an.
Koreen kun miseensota 24 kan qabu yoo tahu, isaan keessaa shan dubartoota.
Bara 2019tti, koreen lammiilee Jaappaan Olompiikii irratti hirmaatan filatu –lakkoofsa miseensota dubartootaa boordichaa harka 40 geessisuuf kaayyefatee ture.
‘’Lakkoofsa miseensota dubaraa yoo daballe, sa’atii itti odeessan hir’isuu qabna, dubbii hin kutan, inni ammoo nama aarsa,’’ jedhan Mooriin akka gaazexaa biyyattii Asaahii Shimbuun irratti bahe.
‘’Boordicha keessaa miseensota dubartii torba tahan qabna hunduu iddoo isaanii beeku,’’ jedhan.
Mooriin bara 2000-01 ministira mummee Jaappaan kan turan yoo tahu, dogoggora hojjechuufi haasaa hayaata hin qabne dubbachuun beekamu ture.
Dubbiin isaanii dhihoo kanaa miidiyaa hawaasummaa irratti dheekkamsa kaaseera.
‘’Qaanii. Amma yeroonsaa gaheera, gadhiisi,’’ yoo jedhu fayyadamaan Tiwiitarii tokko, kaan immoo atileetonni taphoota lagatan gaafachaa jiru.
‘’Mooriin miseensonni maatiisaa osoo hin hafiin akka isa qeeqan gaazexichatti dubbatan.
‘’Eda galgala haati warraa koo akka malee natti dubbatte, ammas waanta badaa dubbatte mitii?’’ naan jette jedhan. ‘’Faalla dubartootaa waanin dubbadheef ammas rakkoo keessa galuu kooti,’’ jedhan.
Intalli koof mucaan mucaa koos akkasuma hinuma natti ka’an jechuu gaazexichi gabaaseera.
Walgahii Kamisaa irratti maaliif waa’ee dubartootaa akkas akka jedhan gaaftamnaan, ‘’si’ana dubartootatti badaa ijaa hin haasofneef hin beeku,’’ kan jedhu ture deebiin isaanii.
Koreen qindeessaa Olompiikii miseensota boordii hojii raawwachiiftuu 36 kan qabu yoo tahu itti gaafatamni Olompiikii Paaraalimpiiks milkeessuu itti kennameera. Olompiikiin sababa Covid-19’n waggaa tokkoon boodatti hafeera.












