Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaa Kibbaatti talaalli haaraan Covid-19 ittisuu dadhabuun yaaddoo uume
Saayintistii beekamaan Afrikaa Kibbaa tokko talaalliin koronaavaayirasii haaraan biyyatti keessatti namootarratti yaalame gar-tokkee qofarraatti milkaa’uun yaaddeessadha jedhan.
Talaalliin ‘Novavax’ jedhamu UKtti namoota irratti yaalame keesssaa harka 90tti dhyaataniirratti milkaa’eera.
Afrikaa Kibbaattimmoo yaaliin taasifamee %49.4 qofaatu milka’aa ture.
Hogganaan koree gorsituu dhimma koronaavaayirasii Afrikaa Kibbaa Pirofeesar Saalim Abduulkarim, biyyoonni muraasni dhiyeessi talaallirratti duubatti hafuu danda'u jedhan.
''Kuni addunyaa lama uuma. Biyyootni ykn naannolee gariin yeroo madinummaa isaanii talaalliin gabbifachuun vaayirasicha to'atan kaan ammoo talaalliidhaan madinummaa isaanii gabbisuu dhabuun vaayirasicha of irraa ittisuu dadhabu.''
Afrikaa Kibbaatti gosti koronaavaayirasii caaseffamaa qacceesaa geeddarate talaalliiwwan haaraa bahan muraasa qolachuutti yk dandamachutti adeema jira.
Talaallii dhiyootti yaalameerratti talaalliin ‘Novavax’ jedhamu namootarraatti yaalame hunda keessaa %49.4 qofarratti milkaa’e.
Namoota vaayirasiin HIV dhiigasaanii keessa hin jirrerratti garuu %60 milka’aadha.
Pirofeesar Saalim Abduulkarim, milka’aanni dhabuun talaallichaa’ hedduu yaaddessaadha’’jedhaniiru.
Itti dabaluun talaallichi vaayirasii caaseffama geeddaratu qolachuurratti bu’a qabeessa ta’uutu irra ture jedhaniiru.
Pirofeesar Saalim Abduulkarim Afrikaa Kibbaatti vaayirasichi caaseffamasaa geeddarachaa adeemuun waan hin hafne, gartuun ogeeyyii dhimma talaalllirratti hojjatan, hawaaasni saayinsii otoo hin hammaanne dursaniii itti yaadu qabu jedhan.
Gama saayinsiirrattii rakkoo guddaan kanatti aanee dhufaa jiru, talaallii gosa vaayirasii haaraa ittisu hojjachuu akka ta’e kaasan.
Biyyoonni guddataa jiran hedduun talaallii saffisaan otoo hin argatiin hafuun durumaa yaaddoo uumeera.