Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Facebook'n gareewwan yaada siyaasaafi siviikii jajjabeessan dhaabuuf
Facebook'n akka qaama tarkaanfii baay'ina odeessaalee siyaasaa namoonni maxxansan hir'isuuf taasisaa jiruun, kanaan booda yaada fayyadamtoonni gareewwan ''siviliifi siyaasaatti'' akka makamaniif jajjabeessan na dhaaba jedhe.
Dhorkaan kunis tibba filannoo US torbanootaaf hojiirra oolfamee kan ture yoo ta'u, amma garuu addunyaa guutuutti imaammata dhaabataa ta'uuf.
Maark Zukarbarg jijjirama kana kan ibse haasaa karaa bilbilaatiin invasitaroota waliin taasiseen ture.
''Namoonni siyaasa hinbarbaadan,'' jedheera hogganaan Facebook kun yeroo bilbilaan dubbataniitti.
Haata'u malee, Gareewwan sivikii' kan jedhuun eenyuun fa'i kan ilaallatu akka ta'eefi jijjiramichi attamiin duula gaggeessitoota sadarkaa hawaasaatti argaman akka miidhuu ifaa miti.
'Mariiwwan sabdanaa'oo'
Murteen kunis tatamsa'ina odeessaalee sobaa Facebook irraatti qoodaman ilaalchiisee dhiibbaa baatiiwwaniif tureen hordofee kan darbeedha.
Mr Zukarbarg akka jedhaniitti, ''hawaasni walitti dhufeenya qabaatu fayya qabeessaafi kan ilaalcha qajeelaa qabu ta'uu mirkanneessuuf barbaadame,'' jedhan.
''Akkasumas, imaammatawwan keenya yoo cabsuu baatanilleen, gareewwan kan nuti akka ummanni itti makamuuf hinjajjabeesine hedduutu jira,'' jedhan.
''Amma, gareewwan sivikiifi siyaasaa yeroo dheeraaf akka yaadawaan itti makamuuf jajabeessaniin ala akka ta'aniif karoorsineerra.''
''Haalaa kana geeddaruuf haasaa hariiroo hawaasaa cimsaniifi kan qoqqoodiinsa jajjabeessan hir'isuuf hojiiwwan cimaa hojjataa tureerra,'' jedha Mr Zukarbargi.
''Haa ta'u malees yaadni barreessamaa ammaan kanatti hawaasa keenya irraa dhagahaa jirruus ummannii siyaasaa hinbarbaadu kan jedhuudha'' jedhaniiru.
Facebook bara 2020tti gareewwan miliyoona tokkoo ol haqeera.
Yeroo tokko tokkoos garee kaayyoo ta'eef hundeeffammee kan gara biraatti butaamuu danda'a. Kanaafis, tibba filannoo UK bara 2019tti gareewwan dhimmoota naannoo irratti mari'achuuf hundeeffamman gara waltajjii mormii siyaasaatti geeddaramnii ture jedhan.
Akkasumas jalqaba baatii kanaattis, toorri UK gurgurtaa lafaa kan miseensoota 40,000 qabu tokkoo attamiin akka ''deeggartoota walabummaa haasa'uutiin duula jibba sanyii dhaabbata teknolijii guddaatiin'' akka fudhatamee ture Gaardiyaan gabaaseera.
Gaaffii gareewwan sivikii akkamiituu UK keessatti hinmiidhamne gaaffii jedhuuf hanga Facebook deebii hinkenniine.