Liyooneel Meesiin goolii hedduu kilaba tokkoof galchuun riikoordii Peelee qooddate

Meesiin yeroo goolii galchu

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Liyooneel Meesiin galchii 643ffaa Vaalenshiyaa irratti galcheen goolii hedduu kilaba tokkoof lakkoofsisuun rikoordii Peeleen qabamee tureen qixxaate.

Lammiin Arjentiinaa ganna 33 kun boqonnaaf osoo hin ba’in dura kubbaa mataadhaan rukutee galcheen carraa kanaaf ga’uu danda’e. Galchiin kunis erga rukuttaan peenaalitii Jaawuumee Doominikiin duraa deebifamee boodadha.

Meesiin Baarseeloonaaf galchii jalqabaa kan lakkoofsise 2005’tti tapha Albaaseetee waliin taasisan irratti ture.

Peeleen kilaba Biraaziil kan ta’e Saantoosiif galchii 643 lakkoofsisuuf kan itti fudhate 1956-1974’tti waggoota 19 ture.

Wanti nama gaddisiisu Baarseeloonaan morkataasaanii sadarkaa giddu-galaarra jiran waan hin injifanneef, Meesiin gammachuusaa ibsachuuf nirakkata.

Qabxiin sunis kilaba yeroo 26 Laa Liigaa injifate Atileetiikoo Maadriid irraa qabxii saddeetiin fagaatee sadarkaa shanaffaarra kaa’eera.

Morkataan isaanii yeroo hundaa Riyaal Maadriid taphni tokko guyyaa har’aa osoo

Tapha galchii 2-1’n dursaa turan kana irratti sochii gaarii agarsiisaa turan irraa ka’uun silaa injifannoo sadaffaa kan bara kanaa isaaniif ta’uu qaba ture.

Baarseeloonaan boqonnaan booda dhiibbaa uumuun kan taphatan yoo ta’u, taphattoota sarara ittisaa Vaalensiyaa haalaan ittisaa turan caccabsuun seenuun lammiin Uruguwaay, Roonaaldoo Araawuujoo galchii midhaagduu lakkoofsisuu danda’e.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Taphattoonni Roonaaldi Kooman galchii biraa lakkoofsisuun taphicha mo’achuuf yaalii taasisanus, taphattoonni Vaaleenshiyaa taphicha osoo hin yaadamin jijjiiruun Maaksi Goomeez galchii wal-qixxeessituu lakkoofsise.

Taphataan Liivarpuul duraanii Fiiliippee Kuutiinoo taphichi osoo hin xumuramin daqiiqaa 12 dura yaalii galchiif dhiyaate taasisus, Baarseeloonaan sana caalaa deemuu hin dandeenye.